WASHINGTON, DC —
Mallattoo Demokraasii fi hoggantuu sochii uummata Maaynamaar kan ta’an Ann Saan Suu Shii har’a waayit Haawus keessatti simatanii jiru. Qabsoftuun uummataa kun biyya ofii keessatti mana ofii keeessaa akka hin bane waggootii diigdamaaf ugguramanii turan. Yunaaytid Isteetes mootummaa abba irree kan Maaynamaar irra uggura kn ka’ee yoo ta’u kaasuu fi dhiisuufis jijjirama Dimookraasii biyyatti keessatti argame irratti hirkata jedha ministriin dantaa alaa Yunaaytiid Istees.
Kanaafis yaada qabsooftuun kun dhiyeessan murtii kennamuuf waan gargaaruuf prezidaant Obaamaan waamanii dubbisuun sirrii dha jedhu hayyonni.