Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Fayyisaa Leellisaa mallattoo mormii Oromoo Riyootti jalqabee Amerikaalleetti miseensota kongireesii isii waliin itti jira


Fayyisaa Leellisaatii fi miseensota Kongireesii Amerikaa,DC
Fayyisaa Leellisaatii fi miseensota Kongireesii Amerikaa,DC
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:10 0:00

Fayyisaa Leellisaa atileetota Olompikii Riyoo,Biraazil irratti Itoophiyaa fulaa bu’anii dorgoman keessaa tokko.

Dorgommii sun irratti lammeessoo bahee mallattoo mormii Oromoo agarsiise. Wantii innii achitti jalqabe Sab-qunnmatii addunyaa irratti mataa dubbii taatee waliin geette.

Rakkoo Oromoon keessa jirtu agarsiisuuf waltajjii addunyaa irratti mallattoo sun agarsiise akka addunyaan quba nu qabaattuuf suntolche jedha Fayyisaa.

Atileeti Fayyisaan mormii Biraazilitti jalqabe miseensota kongireesii Amerikaallee itti dabalatee itti jira.

Fayyisaa Leellisaa
Fayyisaa Leellisaa

​Yoo kalee,Kibxata,Fulbaana 13, 2016 miseensota Kongireesii Amerikaa, qabsaahota mirga namaa waliin galma walgahii Amerikaa Washington, DC jiru Capitol Hill dhfuee wa dubbatellee rakkoo mirga namaa Itoophiyaa keessa jiru jedhe jabeessee duubate.

"Ummannii biyya kanaa[Itoophiyaa] rakkoo cimaa keessa jiraa,lafa isaa irraa godaanaa jiraa,haala kanaan gara lola sanyummaa deemuu dandahaa akka kun hin taane biyyoonni nagaa buusuu dandahan keessaa galanii akka nagaan bu’u tahuutti irra jiraataa.Ummannii Amerikaa nagaa jaalaa. Akkuma isaanii ummannii biyya keennaa nagaa jaalataa,akkuma biyya isaaniitti nagaa fi demokiraasii qabaatan biyya keenna deemanii nagaa nuu buusanii, biyya mirgii namaa itti eegamu akka nuu taatu taasisan gaafadha. kana waan nuu gootaniif isan galateeffanna.”

Miseensotii kongireessii Amerikaa mirga dhabiitiin Itoophiyaa keessa jirtu akka malee badduu jedhan. https://www.congress.gov/bill/114th-congress/senate-resolution/432

Tana maleellee Seneterootii Amereikaa sadeen galama walgahii Amerikaa duratti dubbatan akka bulchiinsii isaanii gargaarsa Itoophiyaa kennu irra deebihee laalu gaafatan

Miseensotii Kongireesisi Amerikaa Kiris Simiz(Chris Smith(R-NJ), Kongireesmaan Al Green (D-Texas) fi Kongiressman Mike Coffman (R-Colo.) Kibxata,Fulbaana 13,2016 galma walgahii Amerikaa, Capitol Hill duratti ummata walti qabanii rakkoo Itoophiyaan keessa jirtu itti himanii,waan ummatii jedhullee caqasanii fala mootummaan isaanii baasellee itti himan.

Yaada Kongireesiin Amerikaa irratti mari’achuuf deemuu kun Resolution 432 kana Ebla bara 2016 keessaa miseensotii Kongireesii Amerikaa Maarkiyoo Ruubiyoo fi Been Kaardin “kabajamuu mirga namummaa Itoophiyaa fi faaydaa mootummaa namii cufti qooda keessaa qabaachuu male,” jedhani baasan.

Yaada araaraa kana Kongiressmaan Kirsi Simiz(Chris Smith R.NJ) itti gaafatamummaan dhiyeessuutti jira.

Simiiz,Kongireessii Amerikaa damee Afrikaatti itti gaafatamaa koree haajaa alaati.Akka innii kalee marii irratti dubbatetti akkitii Itoophiyaan gama mirga namaa eeguutiin keessa jirtu “waan akka malee badaati.”

“Biyyitii ummata isaa gaarglchitu,rakkoon hamtuun hamtuu ummata isaatti fiddee jireenna irraa balleessitu jireenna badaa keessatti gatti.”

Yaadii wixinee miseensotii kongireessii Amerikaa dhiyeessan kun akka rakkoon naannoo Oromiyaatii fi naannoo Amaaraa keessa jiruu wantii mana hidhaa Qilinxoo keessatti nama fixe qoratamuu malee jedha.

Akka miseensii kongireesii Amerikaa Kiris Simiizii fi miilotii isaa jedhanitti rakkoo ummatii Itoophiyaa himachuutti jiru miseensota mana marii, diplomaatota miseensa mana marii Amerikaa fi Finfinnee dabalee hedduu waliin dubbatan.

“Rakkoon jirtu wayyaahu dhiiftee isuma hammaachaa deemti.Dhaabbileen mirga ilmaan namaa;HRW,Mana Marii Mirga Namaa,Amnesty International faatilleen rakkoo tana yoo hedduu dubbachaa bahan.Rakkoon ummatii Itoophiyaa keessa jiru isumaa hammaachaa deemti,”jedhan.

Bulchootii Amerikaa akka mootummaan isaanii gargaarsa Itoophiyaa kennulleen irra deebihee jabeessee ilaalu gaafatan.

Tana tohachuuf ammoo akka ministirii haajaa alaa Amerikaa,dhaabii Amerikaan gargaasa misooma biyya alaatiin gargaartu,USAID hujii tana jabeessee hojjatu gaafatan.

Embaasiin Itoophiyaa Waashinton,DC jiru waan miseensotii mana marii Amerikaa Itoophiyaan himatan kana irratti deebi kennuuf beellama qabate

XS
SM
MD
LG