Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bittaa, Gurgurtaa fi Tajaajilawwan Biroo Dhaabuun Mormiin Oromiyaa Keessatti Geggeeffamu Guyyaa Afuraffaaf Itti Fufe Jedhama


Bittaa, Gurgurtaa fi Tajaajilawwan Biroo Dhaabuun Mormiin Oromiyaa Keessatti Geggeeffamu Guffaa Afuraffaaf Itti Fufe Jedhama
Bittaa, Gurgurtaa fi Tajaajilawwan Biroo Dhaabuun Mormiin Oromiyaa Keessatti Geggeeffamu Guffaa Afuraffaaf Itti Fufe Jedhama

Ayyaanni waggaa haaraa Itiyoophiyaa ka bara 2009 ayyaaneffamuuf ennaa guyyaan tokko qofti hafee jiru kanatti, mormiin Oromiyaa keessatti bittaa fi gurgurtaa akkasumas tajaajila geejjibaa dhaabuun geggeessamu amma illee itti fufuu isaa dubbatu – jiraattonni magaalaalee addaa addaa. Magaalaalee tokko tokko keessatti humnoonni mootummaa, suuqilee cufaa turan irratti waraqaa ugguraa akka maxxansaa turan kanneen nuuf ibsan – jiraattonni, booda immoo yaada isaanii jijjiiranii waraqaa itti maxxansan irraa kaasuudhaa, “kottaa banadhaa, daldaladhaa” jedhanii waamicha lallabaa jiran, jedhu. Bakkawwan ka birootti immoo, konkolaatota geejjibaa, kanneen akka bahaajjii mormii sana dhiisanii tajaajila kennuu yaadan irratti dargaggoonni tarkaanfii fudhatan, jedhama. Magaalaalee Oromiyaa haga tokko irraa jiraattota dubbisnee jirra.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG