Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Hidhamtootaa Seerri Maal Jedha?


Dr. Xaggaayee Araarsaa
Dr. Xaggaayee Araarsaa

Sanbata Fuulbaana 3 bara 2016 manni hidhaa Qilinxoo ibiddaan gubachuu isaa irraa kan ka’e hidhamtoonni 23 lubbuun darbuu isaa fi polisootaa fi hidhamtoonni kannen biroon waluumaa gala 9 wal’ansa fayyaa argachuu isaanii mootummaan Itiyoophiyaa ibsee jira. Maatiwwan hidhamtootaa garuu mootummaan haala uumamee kana kan ilaaleen ibsa nu kenne tokko hin jiru, kanneen hidhamanii turan eessa buutee isaanii hin dhabne jedhu. Mootummaan gama isaan haala jiru qoratanii ibsa kennuuf yeroo gaafatan . Kanaafis Obsaan eegaa jedhe. Maatiin attamiin callifnee teenya jechuun manneen hidhaa fi Hospitaaloota adda addaa dhaquun deebii tokko dhaban gaaffii keenyaaf deebii kennuu miti nu hin gaafatinaa jechuun nu dorsisuu nu hidhuuf gamuu jedhan.

Waa’ee hidhamtootaa kan ilaaleen heeraa fi seera Itiyoophiyaa keessa kan walii galaan ka’ame jira kan jedhan yunivarsitii Meelbarn kan Awustraaliyaa keessatti hayyuu seeraa kan ta’an Dr. Xaggaayee Araarsaa seerri addunyaas seera lafa kaa’e qaba jedhu. Mootummaan Itiyoophiyaa garuu faallaa seera addunyaa hojjataa jira akkasumas kan ofii baase illee kabajuu hin dandeenye jedhan.

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeffadhaa

XS
SM
MD
LG