Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajila-dhaabinsi Mormii Guutummaa Oromiyaa Keessatti Jalqabe, Jedhu Jiraattonni


Lixa Arsii magaala Shaashemannee
Lixa Arsii magaala Shaashemannee

Kan torbanneen lamaa oliif sabaa-himaa yokaan miidiyaalee hawaasummaa irratti maxxansamaa ture, mormiin tajaajila taajila-dhaabinsi mormii Oromiyaa keessatti har’a bal’inaan godinaalee hedduu keessatti jalqabuu isaa jiraattonni dubbataa jiran.

Arsii Lixaa, magaalaalee Dodolaa fi Shaashemannee irraa, Godinaa Baalee, magaalaa Roobee irraa, Shawaa Lixaa, magaalaa Mugar irraa, Wallaggaa Bahaa, magaalaa Naqamte irraa akkasumas, Hararghee Bahaa, magaalaa Haramayaaa irraa kanneen duddisne jiraattonni akka jedhanitti, uummatni baadiyyaa gara maagaaleetti hin baane. Suuqileen, manneen nyaataa fi manneen daldalaa ka biroon irra-jireessatti cufaa oolan. Geejibnis heddumminaan dhaabatee jira. Akka jecha mormitootaatti, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti haga Fulbaana lamaatti itti fufa, mormiin kun.

Gaaffii fi deebii jiraattota kana waliin geggeessame guutummaa isaa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG