Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana-hidhaa Qilinxoo Keessatti Hidhamtoonni 23 Du’uun Beekamee Jira, Jedha Mootummaan Itiyoophiyaa


Ibidda mana-hidhaa Qilinxoo
Ibidda mana-hidhaa Qilinxoo

Fininneetti, Manneen-sirreessaa Federaalaa jalatti kan argamu, mana-sirreessaa Qilinxoo keessatti dhukaasaa fi ibiddda dheengadda ka’e ilaalchisee kan har’a VOAf ibsa kennan – aangawaan Waajira Dhimmoota Koomiyunikaashinii Mootummaa namoonni lubbuu dhaban 23 dubbatan. Hidhamtoonni mana-sirreessaa Qilinxoo sana keessatti du’anii fi madaawan meeqaa fi eenyufaa akka tahan haga har’aatti qulqullaa’ee yaaddoo fi qeeqa guddaa uumee ture. Kanneen mana-sirreessaa sanatti hidhamanii turan - oogganootni siyaasaa akka Obbo Beqelee Garbaa, Dajanee Xaafaa, Addis Bullaallaa, Yonaattan Tasfaayee, Gurmeessaa Ayyaanoo fi ka biroon ibiddaa fi dhukaasan irraa hafuu fi hafuu-dhabni isaanii, akkasumas, yoo jiraatan eessatti akka argaman adda-baachuuf carraaqqii fi barbaachi haga ammaatti godhan akka hin milkaa’iin – maatileen isaanii, abukaatoon seeraa fi hoogganoonni dhaaba mormituu jechuun jaallan isaanii dubbataa jiran. Har’a gara boodaa kana immoo , Waajira Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaatti, Directorri Walii-galaa, Damee Miidiyaa fi Quunnamtii Uummataa – Obbo Mohammed Sa’iid, waa’ee miidhaa mana-sirreessaa Qilinxoo sana keessatti dhaqqabee ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennan keessatti, odeeffannoo sirrii tahe uummataan ga’uun barbaachisaa waan ta’eef hojiin qorannaa geggeessame yeroo fudhachuu isaa dubbatan. “Namoonni lubbuu dhaban 23 ta’uun beekamee jira.” Jedhu.

Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa

Mana-hidhaa Qilinxoo Keessatti Hidhamtoonni 23 Du’uun Beekamee Jira, Jedha Mootummaan Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:20:37 0:00

XS
SM
MD
LG