Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatii Hidhamtootaa : Kanneen Lubbuun Jiru Ittiin Jedhan Nutti Himan, Garuu Ijaan Hin Argine


Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa
Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa

Gubinsa Ibiddaa fi dhukaasa mana hidhaa Qiliinxoo sambata darbe mudateen kan ka’e hidhamtoonni achii keessa turan eessa butee isaanii mootummaan ituu hin ibsiin turuun muddama keessa nu buuse kan jedhan maatiin har’a, guyyaa shanii booda garuu maqaa hidhamtoota lubbuun jiru ittiin jedhanii fi eessa akka jiran nu ibsan jedhan.Garu hidhamtoota jiru jedhaman kana hanga ijaan arginutti shakkii qabna jedhu.

Gama kaaniin sababaa gubannaa mana hidhaa Qilinxoo Kanaan kanneen du’an hidhamtoonni 3 reeffi isaanii maatiitti kennamu paartiin kongreesa Federaalawaa Oromoo ibsee jira.Kanneen keessaa reeffii dargaggoo Kabbadaa Fayisaa Sanbatoo har’a Jalduu magaalaa Urgaa’aa Ereerii keessatti gaggeeffamu jiraattonni nannoo ibsanii jiru.Reeffii namoota ka biraa lameenis godina shawaa Lixaa irraa ta’uu ibsamee jira.

Gaabaasa sagaleetif kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG