Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Projektiin Laga Abbayaa Itti fufa”


Projektiin madda ibsaa guddichi kan laga Abbaayaa Hariiroo Itiyoopiyaa fi Masriif madda shakkii ta’ee tureera.

Akkaataa itti fayyadama laga abbaayaa gama ilaaleen ejjennoo Masriin qabdu mul’inatti qeeqaa kan turanii fi jecha jajjabaa dubbataa kan turan muummichi ministeeraa Mallas Zeenaawwii har’a immoo jecha isaanii waan hojiitti hiikuu eegalan fakkaatu.

Projektichi hoteela sheraaton keessatti wayita ifa taasisamu ministeerri bishaanii fi energy obbo Alemayoo Tegenuu akka jedhanitti ijaarsi dhiyeenyatti eegalamu wayita xumuramu humna ibsaa mga watt 5200 maddisiisuu danda’a jechuu dhaan bal’inii isaa hagm akka ta’es ibsaniiru.

Ittisi bishaanii kun asii ol dheerinni isaa metera 145. Kan amma jiru kun bishaan xaanaa caalaa dachaa lama baachuu danda’a.

Ittisi kun erga ijaaramee booda haala ittiin bishaanni itti guutamu waggoota muraasa fudhata. Yeroo kanattis lagi Abay hanga tokko kan hir’atu si’a ta’u, ittisi kun erga guutee booda garuu iddoo isaa duraaniitti deebi’a.

Ittisi bishaanii sun Itiyooopia keessatti hojii jal’isii xixiqqoof oola jedhamee abdatamus, gama jal’isiin daran kan fayyadamtu Sudan. Masriinis hamma tokko itti gargaaramti. Gama keenyaan humna ibsaa ittiin maddisiisna.

Itiyoopiyaan yeroo ammaa humna ibsa mega watt 2000 maddisiisuu kan dandeessu si’a ta’u waggoota shanan itti aanan keessa kuma kudhaniin ga’uuf karoorfamee jira

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG