Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Marii Yoo Barbaadan Uggura Nu Irraa Kaasuu Qabu: Prezidaantii Iraan


Prezidaantiin Iraan Hassan Raawhaanii Prezidaant Traamp yoo marii nu waliin jalqabuu barbaadan uggura Iraan irra kaa’an mara kaasuuf tarkaanfii jalqabaa fudhachuu qabu jedhan.

Raawhaaniin akka jedhanitti Iraan meeshaa niwkleraa oomishuuf fedhii hin qabdu, kanaaf uggurri kaa’ame seeraan ala fi kan haqaa miti jedhan.

Tramp Wiixata ibsa kennaniin torbanneen dhufan keessa Raawhaanii waliin wal arganii sagantaa nukleaa Iraan ka murta’e gochuuf walii galtee haaraa irratti mari’achuuf carraa gaariitu jira jedhan.

Tramp gumii gurmuu biyyoota dinagdeen durooman kan G-7 Ferensaay keessatti geggeessame irratti irratti iba kennaniin Itaan marii jalqabuu barbaaddi jedhan.

Hoogganaan Yunaayitid Isteetis kun akka jedhanitti uggurri isaan irra deebi’uun waggaa darbe Iraan irra kaa’an dhugumatti isaan miidhee jira jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG