Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabbalee Duubaa qabooftuu barnootaa ijoollee dubraat, Marsabeetitti manneen baranootaa jaarteefi ufillee badhaasa addunyaa hedduu guurratte


Qabooftuu barnoota ijoollee dubraa Qabballee Duubaa
Qabooftuu barnoota ijoollee dubraa Qabballee Duubaa

Qabballee Duubaa Qabsooftuu Barnootaa Ijoollee Dubraa Warri Horii
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:41 0:00

Qabballee Duubaa Keenyaatti ijoollee Marsabeet,ardaa Torbiitti dhalatte.Haadha warraati.Abbaan isii nadheen sadii fuudhe. Obboleeyyan isii haatii isii dhalte keessaa namii barumsa dansaa barate isii qofa.

Qabballee Keneyaa gama Kaabaa Marsabeetitti ijoollee dubraa “diqqeennaauu guuranii barachuu dadhaban” barsiisuuf lafa itti dhalatte, Torbiitti manneen barnootaa jaaruutti jirti.

Haga ammaatti gargaarsaa itti argattee manneen barnootaa ijoollee dubraa kutaa 1-8 shan jaarteef. Ijoollee 120 caalaatit keessatti barata jetti. Hujiin isiin guddoon ijoollee dubraa barsiisuu Championship for girls education.

Dhaaba mataa ufii Qabale Duba foundation QDF ka ummataan gargaaran bara 2013 dhaabdee hujiitti jirti.

Humna ijoollee dubraa warra loonii jabeessaaf jettee gargaarti.Ijoollee tana qulqulina ufii aka eegan,yaada qalbii akka guddifatanii sagatanaa PAPA Project jedduun fi waan hedduun bira ejjitee qarqaarti.

Qabballee Duubaa qabsooftuu barannootaa ijoollee dubraa horsiisee bulaati
Qabballee Duubaa qabsooftuu barannootaa ijoollee dubraa horsiisee bulaati

Tana maleellee Qabballee addunyaa irratti waan hedduu badhaasan.

  • Miss Kenya
  • Miss Marsabit
  • Mandala Washington fellow ship
  • Global citizen award fi waan hedduu.

"Ijoollee dhiiraa barsiisanii ijoolleen dubraa manumatti hafee adoo gannii 15 i f16 guuranii ijollee waliin hafti."

Dorgommii amma isiin moohuuf eegachuutti jirtu ammo Athena40 ka UK jiru.Nadheen ummata qarqaaran ka adudnyaa keessaa walti filan 40n walti hafan keessa jirti.

Warrii isiin walti hafteen akka jecha isiitti

Angelia Jolie

Oprah Winfrey fi walumattuu nadheen addunyaa walit filan 40.

Dhaabii kun ganna lama lamaan warra qalbii qabu jedhu Global Thinkers jedhee addunyaa keessaa walti filee abbaa moohe badhaasa. https://www.athena40.org/our-vision.

Nama dorgommii baranaa moo’e Gurrandhalaa 2020 keessa badhaasan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG