Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabeenyaa Ofii Misoomaaf Oolchuun Guddina Biyyaaf Abdii Dha


Kollejiin Shasamane keessatti baname kan US college jedhamu barattoota kuma tokk ol simachuu dhaan hojii erga eegalee waggoota lama lakkoofsisee jira.

Koollejiin kun kan inni irratti fuuleffate barnoonni qulqullummaa qabuu fi sadarkaa isaa eege akka kennamu gochuu irratti ta’uu abbaa qabeenyaa kolejii kanaa kan ta’an Obbo Tolaa Gadaa ibsanii jiran.

Yniversitiiwwan as America keessa jiran waliin michummaa uumuu dhaan barattootaa fi barsiistonni muuxannoo wal geeddaruuf kaoroorri jiraachuu isaas Obbo Tolaan ibsaniiru.

Yniversitii kutaa Kaaliforniyaa jiru fi kollejii Spokane Washington biraas barsiistonni fedha ofiin dhquu dhaan yeroo baatilee ja’aa hanga waggoota lamaan gargaarsa gochuuf waadaa seenuun isaaniis ibsameera.

Karoorri isaanii guutummaa Oromiyaa keessatti manneen barnootaa ijaaruu ta’uu kan ibsan obbo Tolaa Gadaa kanneen biroonis gara naannoo ofiitti deebi’uu dhaan misoomaaf akka kaka’an waamicha dabarsaniiru.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaga’aa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG