Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaa’aa Mirga Namaa Dr. Martiin Luuter Kingiif Siidaan Yaadannoo Dhaabate


Dilbata kaleessaa as Washington DC bakka national Mall jedhamutti kan dhaabate siidaan yaadannoo hoogganaa sochii mirga namaa kan Marthin Luther King eebbifamee jira. Ayyaana kana irratti biyyattii guutummaa irraa kan walitti dhufan uummanni kumaan laka’amu argamee jira. Presidentiin Amerikaa Barack Obamanis argamuun haasaa dhageesisanii jiran.

Kana ilaalchisuu dhaan Georgia State Yuniversitii-tti hayyuu seenaa kan ta’an Professor Mohamed Hassan yaada gama isaanii nuuf kennanii jiran. Siidaan yaadannoo Maartin Luuter Kingiif dhaabate kun gumaacha isaan biyya kanaaf godhaniin wal gituu isaa ilaalchisee Dr. Mohamed Hassan ibsa nuuf kennaniiru.

Martiin Luter King mirga namaaf kan qabsaa’an, qabsoo hookkaraan alaa kan qindeessanii fi namni bifa gogaa isaan utuu hin taane yaada sammuu isaan akka madaalamu kan barsiisaan hoogganaa cimaa turan jedhaniiru. Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG