Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qajeelfama Koreen Vayiresii Koronaa baase cabsani ummata walti qabun seeraa ala 'taarkaanfii irra deebii hin qamne fudhachiisa: Badhaadhinaa


Asxaa paartii badhaadhinaa
Asxaa paartii badhaadhinaa

"Bulchiinsa seera cabsee ummata walitti qabee vaayireessiif saaxil taarkaanfi irra deebii hin qamneen adabna"
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:46 0:00


Torbaanuma kana keessaa Godin Gujii Dhiyaa koolleejjii Barsiisota Bulee Horaa keesatti nama 300 caala walti qabanii ajandaa Paartii Badhaadinaa barsiisan jedha warra sun keessa oolle jedhe.

Kora aanaa fi ganda cufaa nama walti quuran jedhan kana fuluma hedduu dhagahumatti jirra.

“Kora saddeetaffaa.Warra Paarti Badhaadhinaa hin deeggaree,barattoota dhiyoo eebbifamanii fi nama heddduu walti yaamaniiIda’amuun maal akka taae, waan Paartii Badhaadhinaa fi waan filannoo nu barsiisanii nu leenjisa.”

Godina Booranaa aanaa Taltallee,Meeggaa,Eelwayyee fi fulaa hedduulleetti woman akkanaa nama barsiisan jedhan.

“Yoo waan vaayireessii koronaa gaafatan ammoo dhukkubii kun nama biyya alaa irraa dhufee gara keenna hin jiru nuun jedhan jedha."

Oromiyaa fulaa hedduu woman akkanaa kana dhageenna.

Awaluu Abdii oduu himaa Paartii Badhaadhinaati. “Sagantaa paartii osuu hin taane, haala biyyaittin keessa jirtu irratti,gamaaggama raawwii hojii geggeessu, babalina vaayiressii kornaa irratti carraa kanaan fayyadamanii mari’atu malee ajandaa s paartii miti,” jedha.

Koreen Tohannaa Paartii Badhaadhinaa akka obboo Awwaluun jedhetti dhiba kana tohchuuf waan hedduu hajajje.

Nama 10-20 caala akka walti hin qabamne yoo qabamanillee wal irra fagaatan.

Iddoon sun vaayiressii koronaa dabarsuuf carraa hin ballsine poolsii fi koreen fayyaa akka tohatu gaafatan.

Lakkoofsa nama haga 20 jedhan amma 5 ykn sunii gadi akka tahu hajajan.

Bulchiinsii seera Koree Tohannooo Vaayireessii Koronaa baase cabsee hujii ummata balaa irra buuftu hojjatan jedhan akka obboo Awwaluun jedhetti tarkaanfii irra deebii hin qamne irratti fudhatan.

Yoo bulchiinsii seera cabsee ummata walti qabe ummatii poolisi fi bulchiinsa naannoo beessisuu qaba jedha.

Akeekachiise kaahmaee jiraa bulchiinsii seera sun cabse hidhaanis adabamuu dandaha jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG