Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Qanaasaa Raggaasaa Har’a Baatamanii Mana Murtii Duratti Dhiyaatan


Hidhamtoota har’a mana-murtiitti dhihaatan keessaa tokko kan mana-hidhaa keessatti hedduu dhukkubsataa jiran Obbo Qanaasaa Raggaasaa Toleeraa ta’u abukaatoo kan ta’an Obbo Wandimmuu ibsaa dubbatanii jiru.

Waggaa lama dura kan qabamanii fi mana hidhaa Qiliinxoo keessa ka jiran Obbo Qanaasaa yeroo qorannaaf Maaklaawwii keessa turanti dararaa irra ga’e irraa kan ka’e millii isaanii lamaan hin dhaabatu. Knaaf jecha baatii Onkolooleessa darbee kaasee mana murtii duratti hin dhiyaatin jiru.

Har’a garu baatamanii dhaddacha eega seenanii booda barcuuma irra cisanii deemsa ture hordofaa turan jedhu Abukaatoo Wandimmuun.

Bellamnii Haakimiin kenneef dheerachuu isaan kan ka’e rakkataa kan jiran ta’u iyyatanis manni murtii ajaja haaraa kenne hin qabu.

Gaaffii Deebii gaggeeffame caqasaa

Obbo Qanaasaa Raggaasaa Har’a Baatamanii Mana Murtii Duratti Dhiyaatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:15 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG