Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qananiisaa Beqqelee Londonitti Birhaanuu Leggesee Ammoo Tookiyootti Moo’an


Qananiisaan rekoordii cabsee Birhaanuu diqqumaaf rekordii dhabe
Qananiisaan rekoordii cabsee Birhaanuu diqqumaaf rekordii dhabe

Qananiisaa Beqqelee atileetii Biritish bara 2019 maratoonii London moo’e Moohaa Faaraa daqiiqaa 1:08 caalee rekordii haaraa fudhate.

Qananiisaan maratoonii km 21 fi wayii tana saatii 1:00:22 moo’e.Moohaa barana foon sarbaatti citeef dorgomuu dadhabe.

Maratoonii London sun dhalaan ammoo atileetii Biriteyin,Lily Partridgeti moo’e.

Birhanu Legeseelleen tana waliin ganna lammeessoof maratoonii Tookyoo kalee moo’e.Birhaanuun maratoonii tana 2:5:15 moo’e.

Birhaanuu Leggesee
Birhaanuu Leggesee

Maratoonii tana durii nama 35,000tti itti dhufa amma ammoo koronaaf jedhanii namii diqqaachaa dhufuutti jira.

Legese, fiigichaa gir walti jennaan nama hedduu dursaa ture. Innilleen atileetii Keenyaa Wilson Kipsang ka bara 2017 keessaa rekordi haaraa argate sekondii 30 caalullee ammatti rekordii haaraa hin arganne.Birhaanuulleen atileetii Itoophiyaa fiigichaan beekan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG