Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qophii Addaa kan Guyyaa Filannoo Ethiopia


Finfinnee bakka Carqos jedhamutikan dorgoman Dr. Nagaasoo Gidaadaa lafti iccitiin sagalee itti kennan hin qophoofne, moseensonni ADWUI shan shaniin gurma'anii wal-faana seenanuu dhaan sagalee kennaa turan jedhan. Gama biraatiin immoo achuma Carqositti ADWUI bakka-bu’uun ka dorgoman, Misistarri Albuudaa fi Inerjii, Obbo Alamaayyoo Taganuu garuu, “ Deemsii filannoo haala Dimokratawaa, nagaa fi haqaan gaggeefame. Himannaaleen dhihaataa jiran ka ragaa qubsaan deggeraman otoo hin taane ka tilmaamaan dhihaatani. Uummatti ADWUI akka filatu abdii guddaan qaba.” Jedhan.

Dr. Nagaasoo Gidaadaa akka jedhanitti “Iddo tokko tokkootti otuu tajjabdonni wiirtuu filannoo hin ga’iin meeshaa ittiin filannoo gaggeessan qophessan, akkaataa filannoo kana itti gaggeessan ilaalchisuun ibsi dafee waan hin kennamiiniif jecha sirni sagalee kennuu boodatti harkifatuu jalqabame, lafti iccitiin sagalee itti kennan hin qophoofne, moseensonni ADWUI shan shaniin gurma'anii wal-faana seenanii sagalee kennaa turan” jedhan.

Obbo Feyisel, Embaasii Itiyoophiyaa as Washington jiru irraa telefoonaan haala deemsa filannoo ennaa xiinxalan, “Filannoon bilisaa fi haala dimokratawaa ta'een gaggeefame. Dhaabileen siyaasaa adda addaa uummatatti sagantaa isaanii dhiheessuu danda'anii jiru. Gama sabaa himaanis akkasuma tajaajilaman. Sagalee kennuun bakka tajjabdoonni jiranitti iccitiidhaan geggeessame” jedhan. Kan as Istuudiyoo keenyatti argamuun deemsa filannoo sana xiixalan, qorataa fi xiinxalaan siyaasaa fi dhimma naga-eegumsaa, Jawaar Siraaj Mohammed ammoo “wagoota shanan dabran keessa mootummaan mormitoota dadhabsiisuu irratti hojjetaa ture, paartiin biyyatti bulchaa jiru ammoo humna horate. Jireenyi uummata biyyattii hedduu mootummaa irratti waan hirkatuuf qaama motummaa mormu filachuu irratti sodaa qaba. Mootummaanis uummata irraa waan sodaa qabuuf jecha, shan shaniin walitti-hidhee akka wal-eeganii isaaf qofa sagalee kennan tolfate.” Jechuun qeeqe.


Ka buufata filannoo Amboo lammaffaa keessatti dorgoman, Dr. Mararaa Guddinaa “Miseensota Bulchiinsa aanaa fi gandaa kanneen Kaabinee jehdhaman tu filannoo gaggeessaa jira, warri filannoo gaggeessuuf achi ka'aman isaan kanaaf haala mijessu,kanniisa gubbaatti mallattoo godha jedhanii uummata dirqisisuu, taajjabdonni otuu hin seeniin korojoo saaqan, tajjabdoota hidhuu har'uu, akkasumas iddoon itti aangawonni ofii isaanii kanniisa irratti mallatto gochuun keessa busan illee mul’atee jira. Raayyaan waraanaa itti marsee eega.” Jedhan.

Godina Shawaa Lixaa aanaa Jalduu irratti MEIADiin bakka-bu’uun ka dorgoman, Obbo Abebe Kaasaa
“Tajjabdoonni keenya reebamanii jiru. Ani ofii koo illee hidhamee mana murtii duratti dhiheffameen ture” jedhu.

Miseensi MEIAD ka biraan, Shambel Gammachuu Dajanee lafa Obbo Juneddi saaaddoo itti dorgoman, Dheeraatti dorgoman. “Paartiin biyyattii bulchaa jiru guyyaa filannoo sana dura akka uummanni uummanni waraqaa irratti kanniisa filatu waan taasisaniif, filannoon kan gaggeefame waan duraan dhumate waan beekamaa dha” jedhan.

Obbo Muda Gumii Jaarsoo, Gamtaa Medirek irraa, Godinaa Booranaa, aanaa Bulee Horaa irraa isaan dabalatee namoonni 7 dorgommicha keessaa bahuu beeksisan.

Ka Medrekiin bakka-bu’uun magaalaa Naqamtee fi naannawa isheetti dorgoman, Obbo Mokonnin Dinqaa “komishinni filannoo paartii biyya bulchaa jiruuf looga, sabaa himaan biyyattii (OTV) rakkoo keenya nu gaafatee ture. Garuu qilleensa irra nuuf hin olchine. Taajjabdoonni nu jalaa rebamanii jiru” jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG