Sambata darbee hiriira deggersaa Finfinnee keessatti gageeffame irratti haleellaa bombii dhaqqabe kan qoratu waajirra qorannoo Federaalaa Amerikaa ykn FBI irraa garee tokko Itiyoophiyaatti ergamuu sabaa himaan mootummaa Itiyoophiyaatti hidhata qabu beeksisee jira.
Itti aanaa ministeera daldalaa Amerikaa Gilbert Kaplan ministeera danta alaa Itiyoophiyaa waliin Finfinnee keessatti eega wal arganii booda Har’a kun ibsame
Balaa Bombii waltajjii Masqalaatti dhaqqabee Kanaan namnii 2 ajjefamuu fi kannen 150 ta’an kan mada’anii jiru. Mummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahamd uummata baka sanatti argamaniif haasawaa dhageesisan xumuranii akkuma gad- ta’aniin balaan dhohinsaa kun dhaqqabe.
Haleellaan kun karoorfamee, qindeeffamee, gaggeeffame jechuun Dr Abiyyi Ahamd . Balaa Kanaan wal qabatee namnii 30 to’annaa jala ooluun ibsamee jira.