Xurree ittiin seenan

Breaking News

Quqquuqqaa Itoopiyaan Amerikaa waliin qabduu dhumate jedhu obbo Meles Zeenaawwii


Muummichi Ministeeraa Ethiopia Meles Zenawii hariiroon United States walin jiiru muddama baatilee hedduu booda xumurameera jedhu.

Hoogganaan Ethiopia Meles Zenawe kaleessa tuuta oduuf ibsa kennaniin hariiroon quqquuqaa qabaachaa ture kan Washington waliin jiru amma waan xumurame fakkaata jedhan. Quqquuqaa nuti baatilee 6-torbaa darban keessa qabaanne jedhan Obbo Meles amma booda keenyati dhiifnee jirra, Dhimmootii angawoonni United States akka cimaa fi akka addaatti ilaalantu jira jedhan.

United Statesiin ilaalchisee dhimmootii nuti akka cimaa fi akka addaatti ilaallus ni jira. Dhimmootii walii hin galin hafne irratti akka walii hin galin walii gallee jirra kan jedhan obbo Meles dantaa waliinii waan ta’e irratti waliin hojjechuuf walii galleerra jedhu. Hariiroon biyyoota lamaanii erga filannoo paarlamaa biyyattii baatii Ebla darbee qabee laafataa adeeme. Gareeleen taajjabdoota US tokko oyyuu hin argamne. Angawoonni Embassy Americaas guyyaa filannoo sanaa wiirutlee filannoo akka hin daawwanne ykn magaalaa Finfinneetii akka hin baane ugguraman.

White Houses jecha cimaa dhaan deebii kenne. Filannoon sun cicha sadarkaa addunyaa hin guutin hafe jechuu dhaan mootummaan Ethiopiaas filannoon walabaa fi haqaatiif haala mijata hin uumin hafe jechuu dhaan qeeqe ibsi sun. Jijjiirraa kana keessaa hagi tokko hojii diplomasummaa haga tokko cufuu fi kanneen biroo Ethiopia waliin michummaa uumuu fedhan banuu dha. Kana keessa Stockholm keessatti embasii cufuun isa duraa ta’a.

Sagantaan wal ta’iinsa misoomaa nutii fi Sweden gidduu hin jiru. Hariiroon daldalaas gidduu keenya hin jiru. Sweden irraa gama Ejthiopia kan dhufu investmentiin cimaa ta’es hin jiru. Brazil keessaa immoo embassy hin qabnu. Brazil biyya guddataa jirtu dha. Yeroo ammaa hariiroo diplomaasummaa addunyaa keessaa qabnu irra deebinee xiinxalaa jirra jedhu Obbo Meles.

Obbo meles akka jedhanitti karoorri dinagdee Ethiopia kan waggoota shan dhufuuf qabdu innii boodanaa ka midhaaan nyaataaf gargaarsa alaa irratti hirkattu xumuraan ga’a. Abdiin keenya waggoota shanan itti aanu keessa ofii keenya kan ga’u qofa utuu hin taane alattis erguu kan dandeenyu oomishuu dha jedhanii jiran. Paartiin obbo Meles IHADEG filannoo ebla darbeetiin barcuma paarlaamaa 547nuu injifatee salphaa dhumatti aangootti deebi’e.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG