Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raabsa Gargaarsaa Arsii Dhihaa


Dhaabbatni Gargaarsaa Kaatoolikii CRS jedhamu, Mootummaa Itiyoophiyaa fi Dhaabbata Gargaarsa sadarkaa Addunyaa, ka Yuunaayitied Isteets Waliin wal-gargaaruudhaan aanaalee Godinaa Arsii Dhihaa bakka namoonni caamaan miidhamantti hojii gargaarsa kennuutti hirmaataa jira. Ka gargaarsicha fuudhee uummata dhaqqabsiisu immoo ka Godinaalee Oromitaa afur keessa socho’u Waajira Misoomaa Kaatholika Maqii ti.

Waajira kanatti qindeessaan hojii misoomaa Obbo Solomoon Kebbedee, har’a, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, dhaabni isaanii baatiilee afur dura naannawa sanatti gargaarsa kennuu jalqabe.

"Godinaa Arsii Dhihaa keessatti aanaalee lama keessatti hojjetaa jirra. Tokko aanaa SHAALAA ti. Uummata aanaa sanaa gara kuma dhibba tokkoo fi shantamaa keessaa namoonni kuma afurtamii tokko gargaarsa barbaadan. Aanaan lammataa nuti keessaa hojjennu aanaa Arsii Nagallee ti. Arsii keessatti lakkoobsi gargaaramtootaa, baatii dabre keessa, gara kuma digdamii-sadii ture. Amma garuu, gara kuma soddomaa fi dhibba lamaa fi shantamaa gahee jira. Aanaa Seeruu, kan Godinaa Arsii keessatti argamu keessattis hojjetaa jirra." jedhu, Obbo Solomoon.

Dhaabbatni isaanii baatii dabre, namoota kuma saddeetii fi dhibba lamaa fi soddomii lamaaf ka gargaarsa hatattamaa raabsaa ture tahuu ka dubbatan, Obbo Solomoon baatii Adoolessa dabree irraa jalqabee garuu, lakkoobsi gargaaramtootaa gara kuma afurtamii tokkootti guddachuu isaa dubbatu.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG