Midiyaa haawaasaa irratti maqaa Raachee Tasfaayee jedhamuun dargaggeessi beekamu sababaa abbaa fi haatii isaanii ijoollummaatti irraa du'aniif jecha Obboleettiin isaa Haawwiin guddifachaan gara biyya Faransaayitti fudhatamte. Obboleessi isaa quxusuun waggaa 6 dura du'an boqote. Raacheen dhamaatii barbaacha obboleettii isaa kan waggoota 16 ija godhatee jira. Hawwiin gama isheen, yeroo jalqaba inni barreefaman na qunnamee soban se'e garuu dhuma irratti abjuu kootu dhugoome jette. Jaallanneen Raachee fi Haawwii haasoofsiistee jirti. Raacheen seenaa isaanii ibsuun eegala.
Raachee Tasfaayee: Dargaggoo Obboleettii Isaa Waggoota 16 Barbaadaa Ture Argate
- Jaallannee Gammadaa
Forum