Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Yukreeniin Haleeluu Itti Fuuftee Jirti 


Haleellaa magaala Liviivtti geggeeffame booda, Yukireen, Bitootessa 18. 2022
Haleellaa magaala Liviivtti geggeeffame booda, Yukireen, Bitootessa 18. 2022

Haaleellaan misaa’eeloota Raashaa har’a qiyyaafanni isaanii yukreen gama dhiyaa keessa ta’e lafa dirree xayyaaraa Liviivti dhiyoo ta’uun ibsamee jira.Dirreen xayyaaraa suuna kan hin rukutamnee ta’u bulchaan magaala Laviiv kan ibsan yoo ta’u garu kutaan itti xayyaara suphan haleelamee jira.

Haleellaa Laviiv cinatti gaggeeffame Kanaan namoonni miidhaman meeqa akka ta’ani battalumatti hin ibsamne.Iddoon kunis daangaa Yukreenii fi Polaand irraa fageenya kilo meetra 80 ta’u irratti argama.Aarrii guddaan akka dumeessatti naannoo dirree xayyaaraa irraa mul’ata jedhamee jira.

Gama kaaniin Maripol keessatti haleellaa Raashaan Robii dabree galma agarsiisa Tiyaatiira irratti gaggeessite jalaa namoonni lubbuun hafan ba’u jalqabanii jiru.

Haleellaa iddo sanatti gaggefefame irraa lakkoobsii namoota lubbuun hafanii haga ammaatti ifatti hin beekamne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG