Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaan Ittisa Biyyaa Humnoota Alaa Waliin Ta’ee Haleellaa Raawwate Jechuun Kan IWEHAT Himate Mootummaan Fudhatama Dhabsiise


Ethiopia Map
Ethiopia Map

TV Dimtse Weyane/DW/ irratti dhiyaachuun ibsa kan kennan hoogganaan naannoo Tigraay Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’el lolli geggeeffamaa jiru deggersa humnoota alaan kan deggerame jedhan.

Kaleessa tuuta oduuf ibsa kan kennan ajajaan waraana walii galaa jeneraal Biraanuu Juulaa rayyaan ittisaa biyya isa kam biraa iyyuu deggersa hin arganne jedhan.

Loltoonni Sudaan Kibbaa fi Eertraa waraansa sana keessatti hirmaataniiru kan jedhu illee himannaa IWEHAT kan hundee hin qabaanne jechuun fudhatama dhabsiisan.

Jeneraalichi duula waraanaa IWEHAT waliin geggeeffamu irratti raayyaan ittisaa Itiyoopiyaa dandeettii isaa guutummaan hin gargaaramne jedhan. Shiree dabalatee naannolee adda addaa illee to’annaa jala oolchuu isaa kaleessa tuuta oduuf ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG