Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Nageenyaa Naannoo Gujii Gargaarsa Danqaa Jiraachuu Jaarmayaan Mootummootaa Beeksise

FAAYILII- Magaala Shakkisoo, Gujii
FAAYILII- Magaala Shakkisoo, Gujii

Jaarmayaa mootummootaatti, biiroon dhimma gargaarsa namoomaa (OCHA’n) rakkoon nageenyaa Oromiyaa gama kibbaatti mullataa jira jedhe gargaaramtootaaf midhaan gargaarsaa akka hi ngeenye danqaa kan jiru ta’uu beeksise.

Rakkoon Nageenyaa Naannoo Gujii Gargaarsa Danqaa Jiraachuu Jaarmayaan Mootummootaa Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:59 0:00

Dhaabbatichi ibsa kaleessa baaseen, ammas lakkoofsi namoota gargaarsa fedhanii kan naannoo Oromiyaa keessaa guddaa ta’uu himee jira. Gama biraan buqqaatonni Gujii Lixaa aaanotii gara garaarraa buqqa’anii magaala guddoo Godinaa keessa buufatanii jiran gargaarsi akka isaan hanqataa jiru VOA’f himanii jiran.

Bulchiinsi Gujii Lixaa fi Buusi Gonofa Oromiyaa rakkoon nageenyaa darba gargaarsaa dhorke hin jiru jedhu, Galmoo Daawit dabalata qaba.

Forum

XS
SM
MD
LG