Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Dinagdee Ameerikaa Eessaa Madde?


Mootummaan kam iyyuu baasiif bajati ramaduu fi galii inni argatu wal hin madaalu taanaa, hanqinni mudachuun kan hin oollee ta’u Dr. Hamzaa Abduuraazaaq Yunivarsitii Haarvaard irra ibsanii jiran.

Yunaaytiid steetes bara bulchiinsa Prezidaant Klintoon galii guddaa argataa akkasumas bajati ramadamuus irraa hafaa ture kan jedhan Dr Hamzaan, erga Prezidaant Joorj Buush aangoo qabatanii booda garuu, duressoota biyyattii irraa dilaala kaasanii san booda dulli waraanaa Iraaq fi Afgaanistaan keessatti banamuun baasii jiru daran hamessuu isaa ibsan.

San booda bara 2008 kufaatii dinagdee Amerikaa mudateen namni hedduun hojiin ala waan ta’eef jecha, dilaallii silaa mootummaaf galu hafee, inumaa iyyuu mootummaan kanneen hojii hin qabneef gargaarsa kennuuf dirqamuun, rakkoo maallqaa ka biraa uumuu isaa Dr Hamzaan ibsaniiru.

MP3 tuquun guutuummaatti dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG