Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqatoota Mooraa Keessaa Baasani Gurguru !


Baqattoonni addunyaa irra jiran dararaan adda addaa akka irra ga'u dubbataa turan. Kan mooraa Sudan bahaa keessatti geggeeffamaa jiru garuu adda.


Biyyoota Afrikaa adda addaa keessaa dheessaniii mooraa UNHCR kan Sudaan Bahaa SHAGARAAB jedhamu keessa Baqattoota qubatan hidhatonni naannoo “Raashaayidaa” jedhamaniin humnaan butanii kan gurguraman ta’uu baqatonni ibsanii jiru.

Ijoollee, dubartootaa maanguddoota addaan ituu hin baasiin butanii konkoolaataatti eega fe'anii booda gara gammoojjii siinaatti dabarsanii erguun gosnii Raashaayidaa jedhamaan kun jarreeen Bedouni jedhamanti garguru.

Siinaa eega ga’anii booda dararaa sukanneessaan isaan mudatu keessaa maatiin namoota gurguramanii kun lafa jiran irraa maalllaqqa guddaa erguun akka isaan hiksisan gochuuf bilbilaan qunnamanii dararaa fi humnaan gudeeddii hidhamtoota irratti rawwatamu akka dhaggeeffatan godhu jedha walhagiin dhiyeenya kana Braasels keessatti gaggeeffame.

Kanneen maatiin maallqa erguu hin dandeenye immoo qaama ija lamaan ykn kalee akkasumas qaama isaanii ka biroo kutanii baasuu dhaan du’aaf kan saaxilan ta’uu qorattonni walgahii paarlaamaan Awuroopaa Fuulbaana 26 bara 2012 gaggeesse irratti ibsanii jiru. Kanaafis reeffi namootaa hedduminaan argamuun ragaa ta’uu ibsanii jiru.


Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:07 0:00
Xurree marsariitii
Gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:56 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG