Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaa kora nagaha eegumsaa motummoota gamtoomanii: Saawiz Suudaanti tarkaanfii atattamaatu barbaachisa


Jeequmsa ummame dheeffanii namoota bufata mootummota gamtoomanii Juuba jirutti dheeffan, Adooleessa 11, 2016
Jeequmsa ummame dheeffanii namoota bufata mootummota gamtoomanii Juuba jirutti dheeffan, Adooleessa 11, 2016

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti itti gaafatamaan kora nagaha eegumsaa, Hervii Laadsoos miseensoonni korichaa, Saawiz Suudaan irratti qoqqobbiin akka godhamu tarkaanfi atattamaa akka fudhatan waamicha dhiheese. Herviin hoggantoota fi komaanderoonii waraanaa biyyattitti nageenyi akka hin buunee godhanis dhiibban adda ta’e irratti godhamuu fi jeequmsi lammii biyyaatti dararaadhaa saaxiluu, han Saawiz Suudaantti dedebi’uu kun ammaf ammatti murtee godhachuuu akka qabu dubbata.

Xiyyeeffanaan keenya han atattamaa walitti bu'iinsii kun dhabbachuu irratti hojjacuuu dha han jedhu immoo daayrektarii waajjira ergama addaa Yunaaytid Isteets damee Saawiz Suudaan fi Suudaan, Andiruu Burneeti.

Karaa biraatin dhabbannii biyyoonni Afrikaa sadeet dhimma guddinaa fi diinagdee waliinii irratti wajjin hojjachuudhaa bara 1986 dhaabatan fi Saawiz Suudaan bara 2011 an itti dabalamte Igaad (IGAD), kaleessaa Keeniyaatti walgahanii dhimma kanaratti erga mari’atanii booda humnaa haala Juubaa tasgabeesu atattamaan walitti fiduun akka barbaachisu murteessan. Ministiroonni Igaad afur fi ministirri nagaha eegumsaa Gamtaa Afriaa dhimma Saawiz Suudaan laalchisee marii godhanii ibsa baasaniin gareen nagaha eegumsa motummoota gamtoomanii ergama Saawiz Suudaanii humna dabalataa akka erguu gafaate.

Hogganaa kora nagaha eegumsaa motummoota gamtoomanii: Saawiz Suudaanti tarkaanfii atattamaatu barbaachisa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG