Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaa ABO Waraqaa Irratti Yoo Tahe Malee Sammuu Uumataa Keessaa Jijjiiruun Hin Danda’amu


Gamtaan Dhaabbatoota Polotikaa sadii dhiheenya hundeeffamee fi kan Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamu, Gareen ABO as Waashington DC keessatti walga’ii uummataa waamanii turan.

Kaayyoo ABO Jijjiiruu Keenya Beeksisuuf Hawaasota Itiyoophiyaa Biyyoota Alaaf Ibsa Kennaa Jirra, jechuun Gurmuun ABO torban dabre Dirree Dimookiraasii irratti ibsa nuuf kennee ture.

Gareen ABO kaan, kan Obbo Dhugaasaa Bakakkoon hoogganamu immoo ejjennoo sana jabeessee balaaleffachuun ibsa baasee ture. Miseensi koree gidduu garee ABO kanaa, Obbo Dani’eel Disaasaa, uummatni Oromoo waa’ee uummata Itiyoophiyaa waliin jiraachuu dubbachuu dura bilisummaa Oromiyaa mirkaneeffatuu qaba, jedhu.

Waa’een sagantaa jijjiiruu Wararaa irratti tahe malee uummata oromoon akka hin fudhatamne sagantaa guutuu qabaachuu isaanii dubbatu.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG