Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaan Nyaata Adduyaa Iyyata Dhiyeeffate 


FAAYILII- Baqataa buufata baqattootaa Uum Rakobaa barreeffama sagantaan nyaata addunyaa bira darbu, Sudaan, Sadaasa 23, 2020.
FAAYILII- Baqataa buufata baqattootaa Uum Rakobaa barreeffama sagantaan nyaata addunyaa bira darbu, Sudaan, Sadaasa 23, 2020.

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti wal waraansa hammaataa jiruun kan ka’e dhiyeessiin gargaarsii dhala namaa fi boba’aa dhaabchuuf jira jechuun sagantaan nyaata addunyaa har’a ibsa baaseen beeksisee jira.

Sababaa walitti bu’iinsii hammaachuun kan ka’e baatii Muddee dabree walakeessaa kaasee konkolaataan isaa Maqalee dhaqqabuu akka hin dandeenye kan ibse jaarmayaan kun, Tigraay keessatti daa’immanii fi ijoolleef kan raabsamuu nyaatii wal qixxaataan dhumaa akka jiru, midhaan dheedhootaa fi zaytiin kan dhumaa torban dhufu raabsee kan xumuruuf jiru ta’u ibse.

Gama kaaniin Tajaajiilli komuniikeeshinii kan mootummaa Itiyoophiyaa ibsa kaleessa baaseen mootummaan Itiyoophiyaa uummata bulchiinsa naannoo Tigraayiif gargaarsa guyya guyyaa danqaa tokko malee akka dhaqqabu gochuuf, yeroo yerootti qaamoota dhimmi ilaaluu wajjiin mari’achuun hojjataa jira jedhe.

Ammaan dura gargaarsa fe’anii kokolaataan fe’umsaa Tigraay seenanii turan 1010 kan hin deebifamnee Tigraay keessa akka jiran sagantaan nyaata addunyaa ituu beekuu, qabeenya isaa kan ta’an kokolaataan 118 humna qaban maraan gargaarsa akka deddebiisan ehamee jira jedha ibsii kenname.

Shofeeroota gargaarsa kana deddebisaniifis wabii nageenyaa guutuu akka argatan taasisee jedhee jira.

Sagantaa Nyaata addunyaa waajiira Afrikaa bahaatti Daayreekteera kan ta’an Mikaa’eel Danford akka jedhanti, isaan kam beela irraa olchuuf warra kam beeleessuu akka qabnu filachuu qabna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG