Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Gaafatamtuun USAID Samntaaa Paawer Itiyoopiyaa Daawwatuuf Jiru


Faayilii - Itti gaafatamtuu dhaaba gargaarsa misooma sadrakaa addunyaa Yunaayitid Isteetis, Samaanthaa Power
Faayilii - Itti gaafatamtuu dhaaba gargaarsa misooma sadrakaa addunyaa Yunaayitid Isteetis, Samaanthaa Power

Fedhiin gargaarsaa naannoo Tigraay keessaa dabalaa waan adeemeef, Yunaayitid Istteetis kan USAID biraa kenname doolaara miliyoona $105tti dabaluu dhaan gargaarsa namoomaa itti daalaa doolaara miliyoona $149 kan kennitu ta’uu beeksistee jirti.

Itti gaafatamtuun dhaaba gargaarsa misooma sadrakaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis Samaanthaa Power haala namoomaa Tigraay keessaa ilaalchisee mari’achuuf bor Finfinnee seenuuf jiru.

Daawwannaa isaanii dura kamisa kan ba’ ibsi USAID kun akka jedhutti hooggntuun kun, naannoo Tigraay keessaa beela ittisuu akkasumas gargaarsi namoomaa guutummaan dhorkaa malee akka eeyamamu mootummaa Itiyoopiyaa irra dhiibbaa akka ka’an mul’isa. Haa ta’u malee qabxileen dhiibaa kaa’anii maal akka ta’e waan ibsame hin jiru.

Angawoonni Itiyoopiyaa yaada daangaa biyyattii gama dhiyaa gargaarsa gama Tigraayitti erguuf banuu isa jedhu cimsanii mormanii jiran

Naannoon biyyattii gama dhyaa biyya walitti bu’iinsi waliin jiru Sudaan waliin wal daangessa. Gama dhiyaan daangaa banuuf dhiibbaa gochuun gowwoomsaa boqu jabinaa ti jechuu dhaan minister deettaan ministrii dhimma alaa ambaasaadder Reediwaan Huseen ibsaniiru jedha gabaasi Kenedi Abaate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG