Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijjeechaan Goriillaa, sanyii qamalee dhiyoo tana Amerikaa paarkii magaalaa Sinsinaatii keessaa dubbii guddoon dhufte


Ijoollee didiqqootti soodduu Gorillaa Sinsinaatii dura tataahee daraaraa kennaaf
Ijoollee didiqqootti soodduu Gorillaa Sinsinaatii dura tataahee daraaraa kennaaf

Guyyaa duraa Caamsaa,28,2016 Gorillaa guddaa kg 181 tokko Amerikaa paarkii godina Ohio magaalaa Sinsinaatii(Cincinnati) keessatti ijjeesan.

Paarkiin Sinsinaatii paarkiin Amerikaan qabdu gugurdoo keessaa lammeessoo.Bara 1876 keessa hujii jalqabde.Muka sanyii 300 caalaa, bineensa bosonaati fi waan hedduu qabdu namii daawwii itti yaahu.

Bineensa paarkii tanaa keessaa tokko, Gorillaa ganna 17 HARAMBEE jedhanii maqaa itti baasan.

Akkii guyyaa dheengaddaa paarkii tana keesatti Gorillaa kana ijjeesan ammo oduu gurraa addunyaa guutte keessaa tokko.

Sanyiin Qamalee kun daa’ima ganna 4 haadha wa daawwattu jalaa miliqee dahoo Gorillaa seene buteen bisaan keessa harkifachaa kophaatti fudhate.

Yoo tokko tokko daa’ima miila qabee bisaan keessa harkisaa,yoo tokko tokko akkuma namaa wayaa itti kaahaa,yoo tokko ammoo akka waan tabsiisuu tolchaa ture.

Waan tolchan dhabanii poolisii itti yaaman.Poolisiin binneensa kana 'dhahanii darreessu manna,' takkitti dhahanii ijjeesuu wayyaan qawween dhooftee ijjeeftee gurbaa sun harkaa fuute.

Akka warrii paarkii eegu jedhutti Goriillaan kun adoo ijjeesu baatanii daa’ima fudhtee godatitin galatee waan tolfatu tolfta.

Ummatii ammoo keessattuu Social Media; Facebook, Twitter fi waan akka akkaa irratti bahee akka warrii isa ijjeesu seeraan gaafatamu gaafiitti jira.

Nama 334,000 caalaatti marsaa interneetii Change.org irratti "Justice for Harambe" Harambeen dhugaa qaba jedhee mallatteesseef.

Namii hedduun ammoo maatiin gurbaa sunii daa’ima gatee jedhee balleessaan himatamuu male jedhee himate.

Facebook irralleetti nama 120,000 caalutti fuula "Justice for Harambe" jedhu “like” ,jaalanne jedhee haga saafaa kanaatti.

Akka ogeessii barusma Saaykooloojii fi Sab-qunnamtii yuniverstii Syracuse, Makana Chock jedhutti wannii akkanaa gara sochii ummataatti jijjiiramuu dandeetti.

“Maal jennaan bineensa qaqaalii akkanaa addunyaa keesattu arguun dhiba taate ijjeesuun seeraa miti.”

Bulchootii paarkii Sinsinaatii ammoo daai’mii sun afaan balaa jiraaf Goriillaa ijjeesan jedhan.Harambeen sanyi Gorillaa lafa gammoojjiiti/Gorillaa akkasii baddaa akka Kaameuun akka CAR,DRC Equatorial Guinea fa keesatti argan.

Sanyiin isaa akka dhaaba Bineensa Baddaa Addunyaatti ganna 20-25 keessatti harka 60n diqqaachaa dhufte.Adamoo fi dhukkubatti akkana fixa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG