Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaa Jireenyaa Dr. Abiyyi Ahimed, Dura Taa'aa ADWUI Haaraa


Dr. Abiyyi Ahimed
Dr. Abiyyi Ahimed

Kibxata torban dabee irraa jalqabee kan walga’ii isaa geggeessaa ture – manni-maree ADWUI Dr. Abiyyi Ahimed dura-ta’aa paartichaa akka tahan Kibxata, Bitootessa 27 murteessuu isaa beeksisee jira.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa duraanii , Hayile-maariyaam Dessaalenyi taayitaa isaanii gad-lakkisuuf iyyata dhiheenya galfatan eega raggaasisee booda, Dr. Abiyyiin dura-teessummaatti filachuu isaa beeksise – manni-maree ADWUI.

Dr. Abiyyi Ahimed Alii godinaa Jimmaa, magaalaa Aggaaroo keessatti akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Hagayya sagal, bara 1968 abbaa isaanii musliimaa fi haadha isaanii kiristaana irraa dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa magalaa Jimmaatti baratan. Umurii isaanii waggaa kudha-shaniitti jechuun akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1983 paartii ADWUI yokaan EHADEG seenanii loltuu akka tahan dubbata – seenaan jireenya isaanii. Wallaggaa Lixaa keessatti leenjii waraanaa idilee fudhatanii, achumatti ramadamuudhaan damee tikaa fi quunnamtii waraanaa keessaa tajaajilan.

Otuma waraana keessa jiranii, kan toora hojii isaaniitti dhiheenya qabu – maandisummaa Kompiyuuraa barachuudhaan, ka Finfinneetti argamu, “Microlink Information Technology College” irraa bara 2003 digirii Baachilersii argatan.

Waggoota afurii booda immoo, Afrikaa Kibbaa, magaalaa Pritooriyaa keessatti kan argamu dhaabbata tokko irraa, Kaartooloojii yokaan oguma ragaalee yokaan daataa gareelee lama gidduutti wal-jijjiiramu barreessuu fi hiikuutiin digirii isaanii lammataa fudhatan.

Abiyyi Ahimed kana malees, toora barnootaa, hooggansa cehumsaa fi jijjiramaa yokaan “Tranformational Leadership and Change” jedhamuun, ka magaalaa Londonitti argamu Yunivarsitii Giriinwich digirii Maastersiin eebbifamanii jiran. Koolejii Hooggansa Hojii Liidistaar irraas digirii Maastersii Bulchiinsa Biizinesii yokaan MBA fudhatanii jiran. Dooktarummaa yokaan PHD isaanii immoo, Dhaabbata Qu’annoo Nageenyaa fi Tika-nagaa, ka Yunivarsitii Finfinnee irraa bara dabre jechuun bara 2009 argatan.

Akka lakkobsa Itiyoophiyaatti bara 1985 miseensa raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa ka tahan – Abiyyi Ahimed, kan Ruwaandaatti bobba’ee ture, garee naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa “UNMIR” jedhamuuf miseensa ta’anii, magaalaa Kigaaliitti tajaajila kennanii jiran.

Bara 1990, yeroo Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduutti waraansi ka’ee turetti, gurmuu ragaa-tikaa kan adda tokkoo hoogganaa ka turan yoo tahu, haga bara 2002tti hanga sadarkaa Leetenaal Koloneelummaatti guddatanii turan. Dr. Abiyyi Ahimed, INSA jedhamuun ka beekamu Ejensii Caasaa Tika-nagaa Biyyoolessaa bara 1999 hundeessuudhaan, hanga bara 2002tti daarektarummaan hoogganaa turan. Dr. Abiyyi Ahimed, ragaalee qindeessuu, walitti-dabarsuu fi facaasuutti dhaabbatoota mootummaa hidhata qabaniif, miseensa boordii ta’uudhaanis tajaajilanii jiran.

Dr. Abiyyi Ahimed, paartiilee miseensota ADWUI afuran keessaa tokko ka tahe – Dhaabbata Dimookitaatawa Oromootti miseensa hoogganaa ta’uun, ka toora siyaasaan qooda fudhachuu jalqaban, waggaa saddeet dura, bara 2002 lama irraa jalqabanii ture.

Yeroo sanatti daarektarummaa INSA gad-lakkisuudhaan miseensa Koree Giddu-galaa Dhaabata Dimookiraatawa Uummata Oromoo ta’anii, haga bara 2004tti miseensa Mana-maree fi koree hoji-raaw’achiistuu ADWUI yokaan EHADEG tahan. Filannoo bara 2002 geggeessamettis, Aggaaroo dhaa filatamanii miseensa mana-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa tahan.

Yeroo sana, naannoo Jimmaatti walitti-bu’insa Musliimaa fi kiristaana gidduutti ka’ee lubbbuu namaa fi qabeenyaa irra miidhaa guddaa geessisee ture dhabamsiisuu fi walii-galtee waaraa fiduu keessatti akka qooda guddaa gumaachan tu dubbatama.

Seenaa Dr. Abiy Ahmed armaan gaditti caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:24 0:00

Dr. Abiyyi, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2007, aanaa Gommaa bakka-bu’uudhaan ammas miseensummaa Paarlaamaaf filataman.

Dr. Abiyyi Ahimed Waaltaa Odeeffannoo Saayinsii fi Teknooloojii Itiyoophiyaa ka jedhamu dhaabbata qorannoo, kan mootummaas hundeessanii turan. Bara 2007, miseensa Koree Hoji-raaw’achiistuu DhDUO ta’anii, waggaa isaatti immoo Ministarummaa Saayinsii fi Teknooloojii Itiyoophiyaatti muudaman. Baatiilee xiqqoodhaaf eega hojjetanii booda, taayitaa isaanii federaalaa sana dhiisuudhaan, gara bulchiinsa naannoo Oromiyaatti deebi’anii sadarkaa itti-aanaa prezidaantummaatti tajaajilan. Hoogganaa biiroo Karoora Misooma Magaalaa Oromiyaas ta’anii turan.

Dr. Abiyyi, Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Tigiree fi Afaan Ingilizii dubbachuu danda’u.

Guraandhala dabre kana irraa eegalanii immoo, dura-taa’aa Dhaabbata Dimookitaatawaa Uummata Oromoo ta’anii hojjetaa jiran – Dr. Abiyyi Ahimed.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG