Prezidantii ta’uuf filatamanii kan turan, kaaridiin filannoo akka hin laka’amnee fi sirna hirbuu seenuu isaanii gufachiisuuf shirri jiraachuu akeekkachiisi isaan dhaqqabee ture.
Biyya akkaan addaan qoodamte keessatti Washingtoniin human waraanaan to’achuuf ka jedhu illee haasaan tureera. Kan gabaasa rifaasisaa kana argatan kan bara 2020 keessa kan filannoo prezidaantummaa injifatan Joo Baayiden utuu hin taane bara 1860 keessa erga filatamanii booda oduun kun kan isaan dhaqqabe Abrhaam Lincoln turan.
Hayyuu seenaa Lincoln kan ta’an Howard Holzer akka jedhanitti prezidaantichi filataman Wshingtoniin akka hin dhaqqabne illee shirri ajjeechaa ture. Lincoln Bitootessa 4, bara 1861 prezidaantii ta’uun hirbuu seenan. Ennaa sana kutaaleen gama kibbaa konfedereeshinii Ameerikaa ta’uuf addatti ba’uu jalqabaanii turan.
Kanneen ol aantummaa warren adii leellisanii fi milishaan Baltimoor lamaanuu sirni gabrummaa akka hin dhabamne ciha qabu turan waan ta’eef, baabura imaltootaa Lincol-n bakka hirbuu itti seenan washintonitti geessu humnaan qabachiif mari’ataii turan.
Lincoln gara sirna Washington sana dhaqqabuuf akka duraan beeksisame magaalaa gabrummaan qabsmtee jirtu karaa Baltimore ba’uu dhiisanii, uummatuma ka biro fakkaatanii Harisberg Penselvaaniyaatti imaluudhaan baabura halkaniin gara Washingtonitti qajeelan.
Akkuma bara 2020 keessa ture bara 1860 keessa lammiiwwan Ameericaa hangi tokkowa’een filannoo sirna qabeessa irratti himannaan hundee hin qabaanne dhiyaachuu isaan dheekkamsiisee ture.