Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera G.Gaayoo: Dhiira fi dubra walqixxee barsiifadhaa,dubartiin haadha uumama cufaat jabeeffadhaa afaan luftanii haadha wal hin arrabsinaa


Kora Gumii Gaayoo 41essoo,Dhaas Boorana
Kora Gumii Gaayoo 41essoo,Dhaas Boorana

Korii Gumii Gaayoo bara 2020 dhiiraa fi dubra walqixxee barsiifadhaa, afaan luftanii haadha wal hin arrabisnaa jedhee seera hedduu baafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:43 0:00

Gumii Gaayoo (Borana Gada Assembly) kora Booranaa guddaa abbaan gadaa eegii baallii fuudhee ganna afreessoo irrati yaamee dhiphuu fi balinna gosaa irratti mari’atu.

Laafinna gadaa jabeessee jabeenna isiillee guddifachuuf mari’ata. Korii kun Gumii Gaayoo kun 41essoo ganna 328 asi ittuma jiran.

Korii baranaa kun ka Abbaa Gadaa Kuraa Jaaroo,abbaa gadaa 71essoo. Koronaan nama dhowwullee kora baranaa Dirree Dirra Liibanii, Waasoo fi fulaa hedduu itti dhufe.

Kuraa Jaarsoo, Abbaa Gadaa Booranaa 71essoo (Dhaas ardaa Gumii 2020)
Kuraa Jaarsoo, Abbaa Gadaa Booranaa 71essoo (Dhaas ardaa Gumii 2020)

Gumii Gaayoo durii ji’a tokkollee hinma taa’anii barana ammoo torbaan sadii Dhaas ardaa Gaayootti taa’an. Kora kana ardaa fi madda cufaa itti dhufan.

Warrii kora dhufe miiloo,aanaa,balbalaa fi akkuma gosaan walti dhiyaatuun waan gosa isaa,dhiphuu fi bal’inna mari’ata.

Dubbii raabaa gadaan,garbaa fi meedhichii dadhabellee gaaddisuma Gumii Gaayoo kanatti muran.

Korii Gumii Gaayoo kora seera Booranaa baasee lallabu.Booranatti wannii cufii seera mataa ufii qabdi. Bineesa baddaati haga loon moonaa cuftii seera mataa ufii qabdi.

Akka Dr Borbor Bulee jaarrolee irraa dhageenne jedhe jedhetti Booranii seera buluun 100 oli qaba.

Wannii lafa Booranaa irra jiraa cuftii seera bultuun qabdi.Dubarti,abbaa warraa, haatii warraa, haroo, eela,gaalaa, gaangee,nama fi sa’a,wannii cuftii seera ufii qabdi.

Seera cufa seera nadheeniitti dura jira, seera fardaati itti aana.Nadheen ykn dubartiin uumama waan cufaa jedha seerii Booranaa.Nadheen wayyuu,qaalluu ufinna qabdi jedha.

Fardii akka durii duulaa adamoo qofaa mitii geejjiballee, abbaa gadaa baata,raabaa fi gammee,hayyuu baata.

Akka seera Gadaatti bisaanii fi marra diqqaallee qaraa fardatti argata. Harreellee akkuma namaatti laalan jedha seerii Gadaa.

Harreen galata qabdii.”Namii harree hate loon soddomaa baasa, ”jedha seerii Booranaa.

Loon seera mataa ufii qaban.Kormii korree faaya looniiti namii korma loonii hate loon 10 baasa jedhe seerii gadaa.

Seera hoolaa:Namii hoolaa korma hate ykn ammoo dabse loon 30 baasa jedha seerii gadaa.

Namii dubra bira gahe haraamuu.Haraamuu gosa keessaa balleessan. Dubartii yoo dhiirtii itti jallatte(waliin rafe) itti iyyuu qabdi. Itti iyyuu baattee jennaan balleessaan ta isiiti isi fi innilleen jarii lachuu haraamuu(outcast).

Seera Gumii Gaayoo bineensa badaa ijjeesuun seera male jedha.

Afaan lufuu lagachuu(foul language)

Gadaan afaan hin lufinaa jettee seeratti. Namii afaan lufee haadha namaa arrabase seera gadaatiin adabama.Adabbiin loon 10.

Nama nadheen himatte naqaashii itti hin barbaadanii akka aadaatti gaaddisatti yaamanii himatan.

Maatii intala isaanii tohachuu baannaan itti gaafatama

Dubrartii ulfinna qabdi. Dubra ganna 18 gadi fuudhuun seera malee.

Dubartiin beekumsa maati malee gara feete deemuu hin dandeettu. Gara feetee deemee waan hamtuu taatee jennaan maatiitti itti gaafatama.

Namii dubartii waliin rafe haraamuu fi caphana.Dubartiin nama isiitti jallate itti iyyuu qabdi. Iyyuu baannaan balleessaan ta isiiti.

Dubartii kadhatanii buna kennatan abbaa sun jalaa fuudhuu akkuma nama niitii abbaa qabdu fuudheetti laalan.Dubra dhaqanqabaa qabuun seera malee

Barumsa

Maatiin ijoollee isaanii dhiiraa fi dubrallee walqixxee barsiisuu qaba.Ijoollee barsiisuu dhabuun akkuma nama guddisa dideetti laalan jedha seerii gadaa.

Amantii jedhani aadaa lakkisanii akkuma fedhan walfuudhuun hin taatu seeratti dhowwaa.

Dubartii gargachesse haraamouu kophuu. Namii haadh nafa saalaa arrabsuu loon 10 baasa.

Kora Gumii Gaayoo irratti seera yoo himan abbootii seeraa qofatti hima. Abbaan seeraa Booranaa ka duraa Diimaa Areerooti.Gosaa Koonnituu.Adii Jaleessaalleen fi Jiloo Aagaa faatillee abbootii seeraati.

Diimaa Areeroo Abbaa Seeraa Booranaa.Kora Gumii Gaayoo 41essoo
Diimaa Areeroo Abbaa Seeraa Booranaa.Kora Gumii Gaayoo 41essoo

Qorattuun Jappaan Chikaatee, ykn Dr Lookoo Duubaa kora Gumii Gaayoo irratit kitaaba isii ganna afur qorachaa baate kora sun irratti yuniverstii Booranaatii kennite.

Pirezidaantiin Oromiyaa Shimellis Abdiisaa kora Gumii Gaayoo dhufee biyyaan wal mari’ate.

Gadaan bu’aa sammuu namaati waggaa 3,000 duratti sirna akkanaa qabaachuf yaaduun hin dandahamne jedha.

“Oromoon waggaa 40 qopheesse waggaa 8 qofaaf hangoo kennaaf.Waggaa afraffaa irratti ammoo laafinnaa fi jabinna gadaa qorachiisa.”

Qaroomii Amerikaan himattu akka obboo Shimallis jedhutti ganna 200 oli Gadaan Oromoo korii Gumii Gaayoo qoftinuu ganna 328 oli.Kanaafuu Gadaan Oromoon qarooma Oromoon cuftii itti boonu qabu jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG