Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensoonni Koo Hidhaman Eessa Akk Bu’an Baruu Hin Dandeenye:Samaayaawii Paartii


 Loogoo Samaayaawii Paartii
Loogoo Samaayaawii Paartii

Erga labsii hatattamaa labsamee as miseensoota paartichaa fi kan hogganaa keessaa 23 hidhamanii mooraa leenjii mooyummaan dubbatu eega seenanii booda hangii tokko gadhifamanii amma iyyu 6 hidhaa keessa jiru jedha paartiin kun. Isaan kunis kutaalee biyyaa irraa kan qabaman mooraa leenjii seenan oduun jedhu jiraatuus haga ammaatti eessa akka jiran maatiin kan hin beekne ta’u dura ta’an paartichaa obbo Yeshiiwaas Asaffaa ibsanii jiru.

Miseensoota keenyaan qofa otoo hin taane kanneen Gazexaa fi Barruu paartichaa qopheessaa turan leenjiif hin ergamnee firri hin arguu akkasumas hin gadhiifamiin jiru jedhan. Akka obbo Yashiiwaas jedhanti hidhaa keessatti irraanfatamanii hafan.

Mootummaan yeroo adda addaatti beeksisaa akka jiruutti kanneen labsii yeroo hatattamaan qabaman dhimmi isaanii yeroo gabaabaa keessatti ilaalamee mooraa haaromsaa eega seenanii booda gadhiifamanii hawaasatti makamu. Kanneen yakka rawwachuun shakkaman garu dhimmi isaanii seera duratti kan ilaalamuu ta’u ibsee jira.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Miseensoonni Koo Hidhaman Eessa Akk Bu’an Baruu Hin Dandeenye:Samaayaawii Paartii
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:13 0:00

XS
SM
MD
LG