Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senaatar Paatriik Lehii Waa'ee Tigraay Maal Jedhan?


Senaatarii Ameerikaa Paatriik Lehii
Senaatarii Ameerikaa Paatriik Lehii

Uummanni Tigraay irra dhiittaa mirga namoomaa rifaasisaa ga’aa jira akkasumas gargaarsa dhala namaa kan hatattamaa akka hin argannee Itiyoophiyaa, Ertraa fi gareelee hidhataniin dhorkamaa jira jechuun Deemookraatichi seenaatar Patrick Lehii ibsa baasanii jiru.

Ibsa baasan Kanaan Yunaaytid Isteetes fi kanneen biro biraa yaaliin Diploomaasummaa guddaan ta’uus kanneen walitti bu’iinsa Tigraay keessaa harka qaban, dinuummaan wal ilaaluun akka hafuuf ykn furmaata karaa nagaa argamsiisuuf tarkaanfii hiika qabu hin fudanne jedhan.

Tigraay keessatti ajjeechaa, humnaan godaansisuu, hokkara saalaa, fi dhiittaa mirga namoomaa kanneen biroon akkasumas, madda Bishaanii, hospitaaloota fi iddoo wal’ansii fayyaa itti kennamuu adda addaa barbadeessuu sana mootummaan Yunaaytid Istees balaaleeffatee jira.

Dhugaan hamaan har’a jiru jedhan beela, dhala namaa irratti yakka hojjachuu fi duguuggaa sanyii Tigraay keessatti gaggeeffamaa jira.Kunis kan ta’uuf sababaa tokkoof jecha. Innis angawoota Finfinnee fi Asmaraa gidduutti gocha seeraan alaa gaggeeffamuu dha jedhan.Haallii Tigraay keessaa kan Daarfuur caalaa hamaa ta’u mala gabaasnii jedhu jira jedhu senaatarich.

Kanaaf jecha Miidhaan dhaqqabu akka dhaabatuu, nyaataa fi gargaarsa dhala namaa akka hin seennee ittisuun akka dhaabatuu walitti bu’iinsa jiru karaa nagaan dubbatanii furuu akkasumas siviiloota ykn namoota nagaa kanneen miidhaan irra ga’eef murtii haqaa akka argatan gochuuf sagalee gaafatuutti kan koos dabalamuu isaa beeksiisa jedhan seenaatar Patrick Lehii.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG