Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senegaal kubbaa miilaatiin Afrikaa dura jiraattullee takkuma AFCON hin moone, Masriin moo’uun beekan ya galte Afrikaan waluma dhahuutt jirti


Afcon 20115 (South Africa v Senegal 2)
Afcon 20115 (South Africa v Senegal 2)

Senegaal kubbaa miilaatin Afrikaa dura jirtu takkuma waancaa hin moone, Masriin moo’uun beekan ammoo beekan yakeessaa galte Afrikaan waluma dhahuutt jirti

Eegii jalqabanii amma guyyaa 20eessoo itti jiran.Biyya 24tti jalqabee amma 8 walti hafa Masritti qopheesse.Masrii ya keessaa galchanii amma biyya afuritti walti hafa.

Dorgommii waancaa Afrikaa baranaa,AFCON haga ammaa marroo 34 taphatanii goolii 67tti gale.

Senegaal tapha hardhaatiin Beeniin tokko dhooftee dorgommii keessaa baafte.

Senegaal takkuma waancaa Afrikaa hin moone taatullee gabaasa FIFAn barana baaseen dandeettii kubbaa miilaatiin Afrikaa keessaa tokkeessoo.

Beeniniin diqqayyoon Afrikaa gama Dhihaa ykn gama Ila Galchuu tun takkuma waancaa Afrikaa hin moone.

Senegaal ilma isii Liverpool keessaa yaammaatte, Saadiyoo Maanee abdatti.Beeniin baruma kana biyya 8n walti hafan taate tapha armaan duratti taphatte cufaa walqixxee baate.

Bori Ayvori Kostii fi Aljeeriyaa, Madagaskaarii fi Tuniiziyaatti walti dabra.

Naayjeeriyaan amma Afrikaa Kibbaatiin walti jirtu tun marroo sadii waancaa Afrikaa moote.

Mee warra hardha taphtu ila itti qabaa laalaa.

Naayjeeriyaan Odion Igahalo Chaayinaa kilabii Shinuhaa Greenland keessaa dhufatteen.Gurbaan kun tapha 4tti goolii sadii galfate.

Naayjeeriyaa fi Afrikaa Kibbaa

Naayjeriyaan hardha saatii 3 irratti Afrikaan Kibbaa waliin taphattu tun bara 2013 Afrikaa mootee shaampiyoonaa taate.Taatullee gaafasii asi baruma kana asi geette.

Afrikaan Kibbaalleen eegii bara 1996 shaampiyona taatee hin beettu.

Ayvorii Kostii fi Aljeeriyaa

Bori Ayvorii Kostii fi Aljeeriyaatti waliin taphata.Aljeeriyaan tapha afur taphattee cufaa hin mootee goolii sagala qabdi. Gooliin tokkolleen itti hin galle.

Aljeeriyaan gurbaa kilabii Manchester Sitii keessaa yaammaate Riyad Mahrez fi ka Napoli keessaa yaammatte Adam Ounas, akka jarii kubbaa dhabu hin feetu.

Madagascar fi Tuniiziyaa

Madagaskaarii fi Tuniiziyaalleen warra bori waliin taphatu.Madagsaakar DRC adabbiin moote.Ganna lamaan duratti dorgommii tanaa dabarte Naayjeeriyaa 2-0 moote.

Dorgommii Waancaa Afrikaa tana amma biyya 4ti wali hafuuf yaa’a.Tapha kanaan duubatti Afrikaan viidiyoo taphachiisaa Video assisted Referee (VAr) qabaatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG