Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seneteroonni Yunaayitid Isteetis Mootummaa Ce’umsaa Sudaaniif Deggersa Qaban Mul’isan 


Torban kana Sudaaniin kanneen daawwatan jiloonni seneteroota Yunaayitid Isteetis mootummaan ce’umsaa Kaartuum gara dimokraasummaatti deemuu isaa fi liqaa dhiifameef ilaalchisuun deggersa qaban ibsaniiru.

Seneteroonni Yunaayitid Isteetis Mootummaa Ce’umsaa Sudaaniif Deggersa Qaban Mul’isan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:21 0:00

Itti dabaluu dhaanis seneteroonni kun hidha humna ibsaa fi naannoo daangaa irratti Itiyoopiyaa waliin falmii jiru ilaalchisee yaada isaanii kennanii jiran jedha gabaasi Naba Mohiedeen.

Seneteroonni Yunaayitid Isteetis Kiristoofer Koons fi Kiris Van Hollen enaa daawwannaa isaanii guyyoota sadii kamisa kaleessaa xumura muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook hoogganaa mana maree ol aantummaa biyyaa mootummaa ce’umsaa Jeneraal Abdel-Fattah Burhaan akkasumas ministeerota maallaqaa, bishaanii fi jal’isii waliin wal arganii jiran.

Mariiwwan sun kan fuuleffate adeemsa dimokraasummaa Sudaan itti deemaa jirtu, liqaa irra jiru of irraa baasuuf tattaaffii gootu, dhimma isheen biyya hollaa Itiyoopiyaa waliin qabdu yoo ta’u, naannoo daangaan biyyoota lamaanii jiruu fi dhimma hidha laga Abbayyaa ti.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG