Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Shaakkisoo Barumsa Dhaabuun Dhagahame


Oromia map

Godinaa Gujii Lixaaa, magaalaa Shaakkisoo keessa ka jiru mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa tokkicha jiru keessatti, har’a barnootni dhaabachuu isaa fi barattoonni tokko tokko reebamuu isaanii, namoonni ijaan argan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan – jechuun, Eskindir Firew, Finfinnee irraa gabaasee jira.

Barattoonni mana-barnootichaa, namoota magaalaa Moyyaaleetti ajjeesaman – yaadachuuf gaaffiin dhiheessan fudhatama dhabuu irraa kan ka’e haalli kun uumamuu isaa dubbatu – namoonni ijaan argan.

Dhimma kana ilaalchisuun gaaffiin tokko illee hin dhihaanne – ka jeddhan – itti-gaafatamaan dhimma nageenyaa magaalaa Shaakkisoo garuu, barataan reebames tahe hidhame akka hin jirre – gabaasaa keenyaaf ibsan.

Barattoota keessaa tokko Eskindiriif akka ibsitetti, “guyyoota shaniif, jechuun, hanga Jimaata dhufuutti barnootni dhaabatee, halaabaanis gad-butamee fannanisamuun akka namoota Moyyaaleetti ajjeesamaniif gadda keenya ibsannu nuuf haa taasisamu” ka jedhu ture – gaaffiin barattoonni dhiheessan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG