Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaan Ittisa Biyyaa Uummata Hin Ajjeesu Shiftaa Male: Itti Aanaa Ajajaa Waraana Walii Galaa Itiyoophiyaa


Itti aanaa ajajaa Waraana Walii Galaa -Jeneraal Biraanuu Julaa
Itti aanaa ajajaa Waraana Walii Galaa -Jeneraal Biraanuu Julaa

Torban kana raayya ittisa biyyaa waliin wal qabatee naannolee sadii keessatti haalawwan sadii raawwatamaniiru. Itti aanaa aanaa hoogganaan waraana walii galaa Itiyoophiyaa Generlaal Biraanuu Julaa VOAf akka ibsanitti Oromiyaa Bahaa fi dhiya keessatti hidhattoota ABOti kanneen jedhaman irratti tarkaanfii fudhatame jedhan, naannoo Tigraay Shiree Indasillaasee dhaa ba’uu kan yaalan konkolaataa raayyaa ittisa biyyaa dargaggootaan akka hin darbine dhorkaman fi tarkaanfii fudhatame, Gonder naannoo Ganda Wuhaa fi Kookiit irratti tarkaanfii fudhate adda adda jechuun komeen irratti dhiyaataa jira.

Gama Oromiyaan ABOn namoonni balleessaa hin qabaanne ajjeefaman jechuun mormii dhiyeesseera. VOAn kan haasofsiise maatiin namoonni duraa du’an iyyannaa dhiyeeffataniiru. Naannoo Amaaraattis konkolaattonni sun dhaabatanii haa sakatta’aman ennaa jedhametti dhimmi isaa obsaan bira darbu irra dhukaasa bane ajjeechaa raawwateera kan jedhu ture .

Naannoo Tigraay keessatti dargaggoonni ennaa konkolaataa dhaabisisan obsa aarsiise hin agariisne jechuun komeen dhiyaateera. Raayyaan ittisa biyyaa ennaa obsuu fi tarkaanfii fudhatu ni looga imoo ka jedhu komee walii gala kana irratti General Birhaanuu Julaa ennaa deebisan

Raayyaan ittisa biyyaa saboota jiran keessaa walitti dhufe. Jijjiirma booda caasaan isaa sirreeffameera. Uummati inni kan koo miti ittiin jedhu hin jiru. Uummati martinuu kan isaa ti. Amaara irratti tarkaanfiin fudhatame ka jedhu sirrii miti. Amaaraa irratti tarkaanfii fudhanne hin qabnu. Uummata Oromoo irratti tarkaanfii hin fudhanne. Shiftaa irratti tarkaanfii fudhanneerra jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:07 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG