Xurree ittiin seenan

Breaking News

Brigid Kosgei,Simone Biles fi Coco Gauff warra maratoonii, jimnaastikii fi teenisii moo'uun addunyaa ajaa'ibsiisee harka afaanti gosse


Atileetota addunyaa afaan qabsiisan
Atileetota addunyaa afaan qabsiisan

Simone Biles nama ganna 22 ti lammii Amerikaati. jimnaastikiin fi Olompikii irratti medaaliyaa hedduu guurrachuun beekan.

Shaampiyoonaa addunyaa Stuttgart, Germany itti jiran kalee dhumate irralleetti warqii lama moote.

Medaaliyaaisiin gimnaastikiin argate 25 keessaa 19 warqii.Haga ammaatti marroo shan Shaampiyonaa gimnaastikii addunyaa irratti dorgomte.

Simone dorgommiin fillinqoo bu’an ykn jimnaastikiin beekan.”Wannii cuftii marroo tokkotti naa qixooftee akka isiin naa guutamte ammoo eegee hubadhe,” jette bara tokko

Coco Gauff intala ganna 15 dhalootaan Australiaya amma lammii Amerikaati.

Dorgommii shaampiyoonaa Waldaa Teenisii Addunyaa,WTA kalee Awustiraaliyaatti dhumatte irratti shaampiyoona taate. Isii malee namii ganna 15 ta shaampiyoonaa teenisii tahe hin jiru.Cocon atileetii Lativia Jelena Ostapenko mooteetti shaampiyoonaa irraa fudhatte.

Brigid Kosgei atileetii Keenyaa ganna 25ti. Marattoonii Amerikaa Chikaagootti dorgoman irratti atileetii Biriteyin, Paawulaa Radcliffe irraa rekoordii isiin ganna 16 asi qabaachaa baate irraa fudhate.

Pawulaan nama ganna 25ti maratoonii km 43 fi wayii tana 2:14:04 moote.Ta ganna lamaan duraa irraa sekondii 4 diqqeeffatte. Atileetii Itoophiyaa Ababel Yeshanehtti itti aanee lammeessoo bahe.

Gama kaaniin ammoo atileetiin Keenyaa Eliud Kipchoge maratoonii km 43 fi wayii saatii lamaa gaditti fiigee fixee addunyaa mamsiise. (1:59:40). Namii maratoonii saatii lamaa gaditti fixe isuma.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG