Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaalcha Prezidaantii Zimbaabwee Duraanii Roobii Dhuftu Geggeessamuuf Jira


Reeffi prezidaantii Zimbaabwee duraanii kan Roobert Mugaabee Roobii dhuftu buufata xayyaara Haraaree seenuuf jira.

Maanguddoon umuriin waggaa 95 kun yeroo dheeraaf erga dhukkubsataa turanii booda du’aan kan boqotan jimaata darbe hospitaala Singaapoor keessatti ture.

Rooyiters akka gabaasetti ibsi mootummaa biraa embaasileef dilbata kaleessaa ergame sirni yaadannoo Mugaabee staadiyoomii biyyoolessaa Haraaree keessatti sambata dhuftu erga geggeessamee booda guyyaa ittii aanu awwaalama.

Gabaasaaleen akka jedhanitti maatiin Mugaabee bakka gootota biyyoolessaatti akka isaan awwaalaman hin barbaadan, sababiin isaas mugaabeen bara 2017 haala aangoo irraa itti fonqolchaman aarii qabu turan. Bakka isaa magaalaa dhaloota isaanii Kutamaa keessatti akka awwaalaman barbaadu.

Mugaabeen erga giti bittaa warren adii bara 1980 keessa fonqolchamee as waggoota 37f Zimbaabwee bulchaa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG