Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaalchaa Obbo Galaasaa Dilboo Sanbata Dabre Finfinneetti Raaw’atame 


Sirni Awwaalchaa Obbo Galaasaa Dilboo Sanbata Dabre Finfinneetti Raaw’atame 
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:04 0:00

Sirni Awwaalchaa Obbo Galaasaa Dilboo Sanbata Dabre Finfinneetti Raaw’atame 

Ka torban dabre keessa dhukkuba akka tasaatiin boqotan miseensi Mana-maree Itiyoophiyaa fi hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo duraanii, Obbo Galaasaa Dilboo Sanbata dabre kana Kaaterdiraala Qulqulluu Sillaaseetti bakka firoottan, aangawoonni Itiyoophiyaa fi jaallan qabsoo isaanii durii argafmanitti sirni awwaalcha isaanii raaw’atamee jira.

“Obbo Galaasaa Dilboo, nama otuu nuti beekumsa isaanii irraa hin fayyadamiin addunyaa kana irraa dabran,” jechuun ka dubbatan miseensota Mana-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa keessa tokko tokko, “ beekumsaa fi muuxannnoo namoota biyyaa fi saba isaanii fayyaduu danda’anii otuu isaan lubbuun jiranii itti fayyadamuun barbaachisaa dha,” jechuunis gaabbii isaanii ibsan.

Hoogganoota Adda Bilisummaa Oromoo keessaa immoo, “Obbo Galaasaa Dilboo uummata Oromoof qofa otuu hin taane saboota cunqurfamoo Itiyoophiyaaf illee qabsaawaa turan,” jedan. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG