Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirnni Awwaalchaa Dr. Taaddasaa Eebbaa Kutaa Yunaayitid Isteetis, Verjiiniyaa Keessatti Raaw’atame 


Sirnni Awwaalchaa Dr. Taaddasaa Eebbaa Kutaa Yunaayitid Isteetis, Verjiiniyaa Keessatti Raaw’atame 
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:05 0:00

Sirnni Awwaalchaa Dr. Taaddasaa Eebbaa Kutaa Yunaayitid Isteetis, Verjiiniyaa Keessatti Raaw’atame 

Dr. Taaddasaan waggaa lama dura dhukkuba kaanseriin qabamanii eega wal’aanamaa turanii booda, Caamsaa 1 bara 2022, mana isaanii Aleksaanderiyaa, Virjiiniyaa keessa jiru keessatti du’aan boqotan. Saayintistii, barreessaa fi bu’ursitoota Adda Bilisummaa Oromoo keessaa tokko ka turan, Dr. Taddasaa Eebbaa, bara 1943, Wallagga Lixzaa Najjootti dhalatan. Barnootaan digirii isaanii duraa, Koolejii Qonnaa Haramyaa yeroo sanaa irraa qabxii ol’aanaadhaan, Digirii isaanii lammataa as Yunaayitid Isteetis, Wisconsin State Yunivarsitii irraa, bara 1974 immoo Dooktorummaa PHD Jenetiksii Biqiltuutiin, biyya Kanaadaa - Biritish Kolombiyaa Yunivarsitii irraa fudhatan.

Gara biyyaatti deebi’anii Koolejii Qonnaa Haramaayaa yeroo sanaa keessatti eega barsiisanii booda, dhaabbata “Ethiopian Research Institute” jedhamu keessatti hojjechuu jalqaban. Dhaabbaticha keessatti sanyii midhaanii irratti qorannaa guddaa geggeessaniin hundeeffamuu Kuusaa sanyiiwwan midhaanii “Ethiopian Gene Bank” jedhamuuf qooda guddaa gumaachan, hoogganaa tahuunillee hojjetan.

Seenaan isaanii gabaabaan, sirna geggeessaa isaanii kaleessaa irratti dubbisame akka ibsutti, oguma saayinsii isaanii tii ala qabsoo mirga Oromoo bara sana iccitiidhaan geggeessamu keessaa qooda guddaa fudhachuu isaaniitiin, mootummaa Dargii yeroo sanaan adamsamuu waan jalqabaniif, dursanii dhaga’anii bara 1979 miliqanii biyyaa ba’an.

Adda Bilisummaa Oromoo keessatti, miseensa Koree Giddduu fi Koree Hoji raaw’achiistuu, hoogganaa damee dinagee fi damee haajaa alaa dabalatee yeroo adda addaatti sadarkaa adda addaatti ga’umsa ol’aanaan hojjechuu isaanii dubbata – seenaan isaanii dubbisame. Hojiiwwan hedduu Dr. Taaddasaan hojjetan keessaa, kitaabni seenaa Oromoo isaan maqaa “Gadaa Melbaa” tiin Kaartumitti barreessanii maxxansiisan hojii guddaa fi ijoo tahuu dubbatu, jaallan isaanii.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG