Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoo Yuniversitii Dambi Dollootti Softweerii Kalaqe


Gamachis Waqwaya, Yuniversitii Dambi Dolloo irraa
Gamachis Waqwaya, Yuniversitii Dambi Dolloo irraa

Gamachis Waqwaya jedhama. Yuniversitii Dambi Dolloo kutaa oguma computeraa kan “software programming and website development” jedhamu keessa hojjeta. Gammachiis Barnoota “Softawre engineering” dhaan degeree dhaan eebbifame. Dhiyeenyas software haaraa kan “store management system” jedhu hojjechuu dhaan Yuniversitiichaaf gumaachee jira.

Kan duraan kuusaa meeshaalee barnootaa keessa waantota jiran itti fayyadamuuf argachuun yeroo fudhataa ture amma battalatti softeweerii haaraa kana fayyadamuun dadhabbii malee argachuun kan danda’amu ta’uu isaaf, maallaqa fi yeroo akkasumas meeshaaleen barnootaa akka hin banne kan to’atu ta’uun ibsamee jira.

Itti gaafatamaan kutaa IT kan Yuniversitii Dembi Dollo obbo Nebiyyuu Fiqaaduu illee software-n kun hojii keenya baay’ee nuu salphiseera jedhu. “Software Programing” jechuun maal akka ta’e Gammachiis nuuf ibsee jira.

Dargaggoo Yuniversitii Dambi Dollootti Softweerii Kalaqe
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:01 0:00



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG