Hongeen hamaan yeroo ammaa Gaanfa Afrikaa mancaasaa jiru Somaaliyaa baay’ee miidhee jira. Uummata biyyattii miliyoona 15 keessaa kanneen walakkaa tahan rakkoo ka sadarkaa wabii nyaataa hin qabneerra jiran. Jaarmayaaleen gargaarsaa akka jedhanitti lammiwwan Somaaliyaa kuma dhibbootaan lakkaawaman beelaan haga lubbbuu dhabuu gahaa jiran. Ijoolleen hanqina nyaata madaalawaan akka du’aa jiran gabaasamee jira.
Giddu-gala bayyanachiisaa daa’imman nyaata madaalawaa dhanuun rakkatanii ka jaarmayaa kan mootummaa hin ta’iin Akshiin Ageenist Hangar(Action Against Hunger) jedhamun geggeessamu keessatti dubartoota mooraalee buqqaatotaa handaara magaalaa Moqdishoo keessa jiraatan tu itti tajaajilama.
Kanneen keessaa Faadumoo Maadii, kutaa Beey ka Somaaliyaa gama Kibbaatti argamu keessatti ijoolleen ishee sadii hanqina nyaata madaalawaatiin eega dhumanii booda manaa fi qe’ee ishee dhiistee gara sanatti baqatte. Yeroo ammaa ijoollee ishee lubbuun hafan waliin mooraa buqqaatotaa keessa jiraatti.Hongeen dhufuu isaa dura beeladoota qabna turre. Lafa qotannee miidhaan irraa oomishannu qabna turre. Garuu, hongee tu takkaatti sana hunda nu jalaa barbadeesse. Hanqina nyaata madaalawaatiin ijoollee sadii tu na jalaa dhume. Kan ani baadhee jirus sababaa hongeetiin rakkoo nyaata madaalawaa hamaadhaan gidiramaa jirti, jetti Faadumoon.
Dubartoota ijoollee irra-jireessi waggaa shanii gadii kanneen hanqina nyaata madaalawaa hamaadhaan gidiraman baatan tu hospitaalota guutee jira. Maatiilee balaa hongee sana jalaa bu’aaf kutaalee Somaaliyaa adda addaa irraa baqatan iddoon isaan akka bakka abdii tokkittii ilaalan Moqdishoo dha.
Jaarmayaaleen gargaarsaa akka jedhanitti, mootummaan Somaaliyaa rakkoo hongee fi rakkoo madaalawaa kana furuuf dandeettii isaa hin qabu. Gargaarsi dabalataa hin argamu tahaan ijoolleedhaaf haala amma jiru caalaa dukkanaawaa tahuuf deema.