Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimed, Sanbata dabre guyyaa tokkoof Somaaliyaa daawwatan.
Dirree xayyaaraa Moqdishootti, Prezidaantii Somaaliyaa Mohammed Abdullaahii Farmaajoon ka simataman – muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa kun, masaraa mootummaa biyyattii keessatti, waa’ee naga-eegumsa naannoo fi wal-gargaarsa investimentii dinagdeetti xiyyeeffachuun mari’atanii jiran. Marii isaanii tii booda ibsa waliin kennan irratti, Muummichi-ministaraa Abiyyi, waa’ee hariiroo gara fuul-duraa akkanatti dubbatan.
“Kan ani as jiru wanna dabre suphuuf otuu hin taane, boqonaa haarawa banuudhaafi. Naannoo keenyaa hariiroo haaraa, mul’ata haaraa, fuuleffannaa haaraa, kan gara fuul-duraatti guutummaatti walitti-dabalamuu naannoo kanaa taha – jedhee amanu dubbachuudhaafi. Haala itti sammuun yaadawwanii banaa tahanii fi gabaaleen daldalaaf banaa tahan,” jedhan – Dr. Abiyyi.
Prezidaantiin Somaaliyaa – Mohammed Abdullaahii Farmaajoos, dhimmoota marii isaanii ijoo lameenitti fuuleffachuun ennaa itti fufanii dubbatan –
“Carraan keenya wal-keessa maxxaari’amee walitti hidhamee jira. Kana samuu keenyatti qabachuudhaan, walii-tumsuu keenya itti fufna. Gamtaadhaan bobbaanee, Ibidda yeroo ammaa naannoo keenya gubu – shororkeessummaa fi tasgabii-dhabinsa injifanna. Bara jijjiirama dinageee fi badhaadhummaa biyyoota keenya lameenii fi guutummaa naannoo keenyaa bal’aadhaaf fidna”, jedhan.