Xurree ittiin seenan

Breaking News

Heerri Mana Dukkanaatti Nama Hidhaa Nama Reebaa Nama Dararaa Jedhaa? Akkas Hin Jedhu: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed


Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimed har’a parlaamaa irraa gaaffii dhiyeaateef deebii kennannii jiran.

Muummichi ministeeraa Abiyi Ahimed har’a paarlaamaaf ibsi isaan kennan akka nama dhuunfaattis akka nama siyaasaattis eenyummaa isaanii kan mul’ise ture

Akka muummicha ministeeraatti haasaa isaan dhageessisan akkaataan itti dhiyaatanii fi qabiyyeen isaas adda ture

Ibsi isaan har’a kennan immoo dhimmootii hedduu irratti ejjennoo isaan qaban kan daran ittiin mul’ate ture.

Abiy akka fuula kitaabaa gargalfamanii kan itti ilaalaman ture. Paarlaamaan hoogganaa haaraa kana daran ittiin wal bare. Gaaffii dhiyaateef deebii isaan kennani immoo innumaa iyyuu kan isaan beeksise ture. Namoota mana hidhaa keessaa hiikaman ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii isaan kennan fakkeenyaaf qalbii hedduu hawate.

Gaaffiin sun malaammaltummaa fi shorokeessummaan shakkamanii kanneen hidhaman hiikuun seera biyyattii cabsuu dha kan jedhu ture.

Muummichi ministeeraa Abiyyi gaaffii kanaaf deebii isaan kennan mootummaan ofii isaa iyyuu gaaffilee ka’an kanaaf itti gaafatamaa ta’uu isaa kan ibsu ture.

Shororkeessummaan aangootti cichuuf jecha, seeraan ala aangoo qabachuuf jecha faallaa heeraa karaa ta’een humnaan gargaaramuu dabalata. Eenuyuunuu haa ta’u heera kabajuu qaba isa jedhu hubachuun barbaachisaa dha. Ennaa haaromi geggeessamu akka mootummaatti waan akkasii ennaa uumamu itti gaafatama fudhachuu kan qabu nuyi ta’uu qaba.

Heerri biyyaa humna ittisa biyyaa dabalatee paartii irraa walaba ta’anii seera eegsisuu qabuu jedha. Heerri biyyaa nama mana murtiiin to’annaa jala oole reebaa, mana dukkanaa keessa kaa’aa jedhaa? Hin jedhu. reebuun mana dukkanaatti hidhuun qaamaa hir’isuun hojii shorokeessummaa kan ofii keenyaa ti. Kun gandaa qabee hanga zooniitti raawwatamaa ture. Qorannaa komiishina mirga namaa martinuu beektu. Poolisiin nama reebaa ture. Kanaaf poolisiin sun shorokeessaa dha jedhan.

Muummichi ministeeraa Abiyi waa’ee malaammaltummaa ilaalchisee gaaffii aadde Muluun dhiyeessaniif hundee isaa dhiifnee damee irratti bobbaane jechuun deebisan.

Heerri Mana Dukkanaatti Nama Hidhaa Nama Reebaa Nama Dararaa Jedhaa? Akkas Hin Jedhu: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:51 0:00

XS
SM
MD
LG