Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Hidhattoonni Argoobbaarraa Dhufan Aanaa Fantaalleetti nama lama ajjeesan’ - Jiraattota


Naannoo Fantaallee, Oromiyaa
Naannoo Fantaallee, Oromiyaa

Dilbata darbe hidhattoonni Argoobbaa gara Aanaa Fantaalleetti cehanii namoota lamaa ajjeesuu jiraattonni dubbatan. Jiraattonni, namootni lameen kun ka ajjeefaman rasaasaan rukutamanii akka ta’e himanii bulchiinsi aanaas tahe mootummaan ajjeefamuu namoota kanaa sirnaan qorachuu baannaan nageenyi naannoo sanaa balaarra bu’uu sodaa qaban kan himan. Hooggannaan Waajjira Dhimma Nageenyaa ka Aanaa Fantaallee Obbo Hawaas Carcar Waajjirri isaanii dhimma kana qorataa jiraachuu himaniiru.

Gama birootiin ammas kaleessa Godina Gujii Aanaa Sabbaa Booruutti Raayyaan Ittisaa nama tokko ajjeesee tokko madeessuusaa jiraattonni Raadiyoonii VOA’f himaniiru, Galmoo Daawit dabalatasaa qopheesseera.

‘Hidhattoonni Argoobbaarraa Dhufan Aanaa Fantaalleetti nama lama ajjeesan’ - Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:15 0:00

XS
SM
MD
LG