Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsa Koree Eddu-galaa TPLF fi Xiinxaala Hayyuu


Koreen eddu-galeessaa Dhabbata Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) torban kana keessa walgahii guyyaa sadi’ii godheen booda ibsa baaseen murtii koree dhaaba biyya bulchaa jiruu, an Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Ummata Itoopiyaa (ADWUI) qeeqe.

Dhimma dangaa Itoophiyaa fi Eertiraa, akkasumaas akkaataa itti dhaabbileen misoomaa mootummaa gara abbootii qabeenyaa dhunfaatti itti gurguramaan laachisee odeeffannoon ummataaf ifa godhamee adeemsi barbaachisu odoo in xumuramin jedha ibichi.

Haluma wal-fakkaatuun, “haala yeroo ammaa akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti keessa jiru, akkasumas karaa qabsoo gara funduraa irratti Koreen eddu-galaa kun mariateera an jedhu ibsi koree TPLF, rakkinoota jiran jedhuuf hikoo fiduudhaa sadarkaa koree hojii raawwachiistuu ADWUI fi mana maree dhabbatichaatti mariitu barbaachisaa, qamni lamaan atattamaan walgahiin akka waammamu koreen keenya gaafatas,”jedha.

Ibsa bahe irratti xiinxala hayyuu qabna. Hayyuu seeraa Obbo Hundee Dhugaasaa Landan irraa dubisnee, dhaggeeffadhaa.

Ibsa Koree Eddu-galaa TPLF fi Xiinxaala Hayyuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:30 0:00

XS
SM
MD
LG