Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaaffii Uummataa Debisuuf Kanneen Dandeetti Qaban Ramaduu jechuun Kanneen Aangoo Irraa Kaafaman Siyaasaa Ala Gochuu Miti. Angawaa DH.D.U.O


Gumii Dh. D.U.O
Gumii Dh. D.U.O

Gumii idlee saddeettattaa Dh.D.U.O (OPDO) Waxabajjii 10 bara 2018 irraa eegalee guyyaa sadiif gaggeessaa ture Kibxata kaleessaa ibsa ejjennoo qabxii Kudha tokko of keessaa qabu baasuun xumuramee jira.

Gaaffiiwwan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummata Oromoo biraa dhiyaatan deebisuuf sagantaa tarsiimoo qabeessa ta’een irratti hojjachaa akka jiru ibsi ba’e hubachisee jira.

Gaaffii uummataa dabalaa jiru deebii qubsaa kan kennu hoggannsa haaraa muudaa gaaffii uummataa irratti hirkachuun aangawoonni itti gaafatama irraa ka’an, haaraa kan ramadaman akkasumas sadarkaa itti gaafatama irra turan irraa kan gad buufaman akka jiran ibsameera.

Ajandaalee irratti mari’atamee fi haala Oromiyaa keessaa kan ilaaleen itti gaafatamaa ijaarsaa fi Siyaasa magaalaalee kan dhaabbatichaa Obbo Kaffyaalew Ayyaanaa Raadiyoo sagalee Amerikaa waliin gaaffii fi deebii gaggeessan caqasaa.

Gaaffii Uummataa Debisuuf Kanneen Dandeetti Qaban Ramaduu jechuun Kanneen Aangoo Irraa Kaafaman Siyaasaa Ala Gochuu Miti. Angawaa DH.D.U.O
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:58 0:00

XS
SM
MD
LG